Waggoottan jijjiiramaa darban hojiileen naannoo Harariitti raawwataman dhaloota dhufuuf bu’ura cimaa kaa’aniiru - ENA Afaan Oromoo
Waggoottan jijjiiramaa darban hojiileen naannoo Harariitti raawwataman dhaloota dhufuuf bu’ura cimaa kaa’aniiru
Bitootessa 25/2018(ENA)- Waggoottan jijjiiramaa darban hojiileen naannoo Harariitti raawwataman dhaloota dhufuuf bu’ura cimaa kan kaa’an ta’uu hogganaan waajjira komunikeeshinii mootummaa naannichaa Heenook Mulunaa ibsan.
Baatiin Bitootessaa fedhiin Itiyoophiyaan Jijjiiramaaf qabdu kan itti dhugoomee fi imalli badhaadhinaa kan itti eeggalamedha jedhan.
Jijjiiramni dhufee mootummaan ida’amuu biyya bulchuu erga eegalee asitti dameelee hawaasummaa, dinagdee fi siyaasaan guddinni galmaa’eera jedhan.
Gama siyaasaatiin jijjiiramaan booda naannichatti shira siyaasaarraa siyaasa qajeeltootti, wal qoollifachuurraa fi wal jibbiinsarraa gara nagaa fi waloomaatti akka ceenu nu taasiseera jedhaniiru.
Gama dinagdeetiinis misooma qonnaa fi turizimiitiin bu’aaleen ummata naannichaa fayyadamaa taasisan galmaa’uu eeraniiru.
Gama hawaasummaatiin qulqullina barnootaa gama gabbisuutiinii fi qulqullinaa fi waliin gahiinsa tajaajila fayyaa gama mirkaneessuutiin hojiileen garagaraa raawwatamuusaanii hogganaan kun ibsaniiru.
Hambaa idil addunyaa Jagol balaa isa mudate jalaa baraaruun kan danda’ame waggoottan jijjiiramaa kana keessadha jedhaniiru.
Hojiileen misooma Kooriidaraa magaalichaa fi Jagol deebisanii misoomsuudhaan hojjetaman magaalattiin turistii hawachuurra darbee jiraattotaaf akka mijattu godheera jedhan.
Walumaa gala hojiileen waggoottan jijjiiramaa keessa raawwataman dhaloota dhufuuf bu’ura cimaa kan kaa’an ta’uu hubachiisaniiru.