Waltajjiin Marii Ajandaa walitti qabuu qooda fudhattootaa marsaa jalqabaa Naannoo Tigiraay milkaa’aadha– Koomishinara Olaanaa Piroofeesar Masfin Ara’ayaa - ENA Afaan Oromoo
Waltajjiin Marii Ajandaa walitti qabuu qooda fudhattootaa marsaa jalqabaa Naannoo Tigiraay milkaa’aadha– Koomishinara Olaanaa Piroofeesar Masfin Ara’ayaa
Bitootessa 25/2018 (ENA): Waltajjiin Marii Ajandaa walitti qabuu qooda fudhattootaa marsaa jalqabaa Naannoo Tigiraay milkaa’aa ta’uusaa Komishinarri Komishinii Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Piroofeesar Masfin Ara’ayaa ibsaniiru.
Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Bitootessa, 23, 2018 irraa eegalee Adeemsa Marii Ajandaa Walitti Qabuu Naannoo Tigraay marsaa jalqabaa magaalaa Finfinneetti gaggeessaa tureera.
Qooda fudhattoonni Naannoo Tigraay marsaa jalqabaa irratti hirmaatan ajandaa qopheessan Komishinii Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaaf dhiyeessaniiru.
Kanuma waliin waltajjiin ajandaa walitti qabuu kun hojimaata hordofameen gama hundaan gaggeeffamuu isaa Koomishinara Olaanaan Komishinii Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Piroofeesar Masfin Ara’ayaa ibsaniiru.
Waltajjichi milkaa’aa ta’uu eeruun, qaamota milkaa'ina waltajjichaaf gumaachan galateeffataniiru.
Waltajjicharratti hirmaattonni 700 ol kan hirmaatan yoo ta’u, yaadonni hedduun waliif qoodamuu isaanii Komishinarri Komishinii Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa obbo Malaakuu Waldamaariyaam ibsaniiru.
Komishinarri Komishinii Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa, Dr. Yoonaas Adaayee waltajjiin marii ajandaa walitti qabuu marsaa jalqabaa qooda fudhattoota naannoo Tigraay milkaa’inaan xumuramuu isaa hubachiisuudhaan, gara fuulduraatti waltajjiin ajandaa walitti qabuu akka jiraatu ibsaniiru.