Manni Maree Naannoo Hararii (Kaabineen) fooyya'iinsa baajata raggaasise - ENA Afaan Oromoo
Manni Maree Naannoo Hararii (Kaabineen) fooyya'iinsa baajata raggaasise
Bitootessa 25/2018 (ENA): Manni Maree Naannoo Hararii (Kaabineen) raawwii karoora ji’oota 8 bara bajataa 2018 bu’uura godhachuun fooyya’iinsa baajata isaaf dhiyaate walgahii idilee isaa irratti raggaasiseera.
Kaabineen fooyya’iinsa baajata Birrii miiliyoona 523 fi kuma 603 fi 565 Biiroo Maallaqaa fi Tumsa Diinagdee naannichaatiin dhiyaate irratti mari’atee raggaasiseera.
Fooyya’iinsi baajataa kun keessumaa pirojektoota raawwii fiizikaalaa fi faayinaansii gadi aanaa qaban adda baasuun kanneen faayidaa dinagdee fi hawaasummaa guddaa qabaniifi kanneen hanqinni baajata isaan mudateef maallaqa ramaduuf barbaachisaa ta’uu himameera.
Dhimmoota hanqinni baajataa mudataniif, keessumaa Pirojektii Ijaarsa Mana Qonnaan Bultoota Qehee Moodeela Baadiyyaa, walitti hidhamiinsa baadiyyaa, wabii nyaataa fi hojii idileedhaaf akka oolu ibsameera.
Kaabineen naannichaa fooyya’iinsa baajata isaaf dhiyaate sagalee guutuun raggaasisuun dhimmoota adda addaa irratti mari’atee kallattii kaa’uu odeeffannoo ENA’n waajjira komunikeeshinii naannichaa irraa argate ni mul’isa.