Bara jijjiirama biyyaalessaa keessa imaammata Barnootaan haaraatiin hojii qabatamaan hojjetameera – Doktar Tolaa Bariisoo - ENA Afaan Oromoo
Bara jijjiirama biyyaalessaa keessa imaammata Barnootaan haaraatiin hojii qabatamaan hojjetameera – Doktar Tolaa Bariisoo
Bitootessa25/2018(ENA)- Bara jijjiirama biyyaalessaa keessa imaammata Barnootaan haaraatiin hojii qabatamaan hojjetamuu Hogganaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa doktar Tolaa Bariisoo ibsan.
Bu’aa Jijjiirama Imaammata Barnootaatiin Manni Barmsusaa Bu’uura Boruu babal’achuusaa ibsaniiru.
Waggaa shaniin dura manni Burumsaa Bu’uura boruu kuma tokko kan hin caalle akka ture ibsuun, yeroo amma manni Barumsaa bu’uura boruu kuma 20 ol gahuu ibsaniiru.
Barsiisota kuma 40 ol leenjisuun Mana Barumsaa Bu’uura Boruuratti ramaduun hojjetamaa jiraachuun jijjiirama gudda ta’uu dubbataniiru.
Akkasumas Manni Barumsaa Bultii addaa ijaaramee Barattoonni qabxii olaanaa galmeessisan keessatti barachaa kan jiran ta’uu ibsaniiru.
Manneen Barnootaa babal’isuun barattoonni Miiliyoona 12 ol Oromiyaa keessatti barachaa jiraachuu himaniiru.
Gara fuuldurattis jijjiirama gama Barnootaan mul’ate ittifufsiisuuf fooya’insa Barnootaa fi jijjiirama Barsiisaa irratti hojii baay’ee kan hojjetan ta’uus eeraniiru.
Manneen Barnootaa sadarakaa 2ffaa keessatti bu’uuraalee misoomaa hin guutamne guutuun, Barsiisaa fi Hoggansarratti itti fufiinsaan akka hojjetamu dubbataniiru.
Qulqullina Barnootaa kan mirkaneessan keessa tokko hojii barsiisaarratti hojjetamu ta’uu eeruun, Barsiisonni Sadarkaasaanii akka fooyyeffatan kan hojjetan ta’uu himaniiru.
Manneen Barnootaa dabalataa bu’uura booruu, sadarkaa 1ffaa, 2ffaa fi daree dabalataa ijaarun hanqina daree barnootaan jiru furuuf kan hojjetamu ta’uu eeraniiru.
Manneen Barnoota sadarkaa 2ffaarratti xiyyeeffachuun guddina Teekinooloojii wajjin akka deemaniif wantoota barbaachisan guutuuf kan hojjetamu ta’a jedhaniiru.