Tamsaasa Kallatti:

Bitootessi 24, 2010 Itiyoophiyaatti oduu missiraachoon jijjiiramaa daangaa hanga daangaatti guyyaa itti dhaga’amedha.

Jijjiirama ariifataa waggoota saddeet keessatti damee hundaan bu’aawwan dinqisiisoo ta’an galmaa’aniiru.

Imala waggaa saddeet kana keessatti hojiiwwan hedduun milkaa’ina irraa gara milkaa’inaatti raawwatamaniiru.

Waggoonni saddeet darbanii hojiiwwan bu’a qabeessa ta’an kanneen misooma biyyattii itti fufiinsa qabu mirkaneessuu fi fayyadamummaa ummataa mirkaneessan hojjetamaniiru.

Pirojektoota gurguddoo biroo eegaluuf waadaa galuun hojiin isaa eegalameera.

• Eebbifamuu Hidha Haaromsa Guddicha Itiyoophiyaa hordofuun pirojektoonni gurguddoon ifoomani: Missiraachoo Gubaa

Qaammee 4, 2017 Hidhi Haaromsa Guddicha Itiyoophiyaa Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin eebbifame.

Itiyoophiyaan hidhicha xumuruun gara marsaa biraatti akka ceete beeksisani.

Sirna eebbaa kana irrattis pirojektoota misooma biyyaalessaa gurguddoo gara fuulduraatti ijaaramuu qaban ifoomsaniiru. Pirojektoota kanaaf dolaarri biiliyoona 30 ol kan ramadamuufii ta’uu ibsaniiru.

Pirojektoonni kunneenis: warshaa anniisaa niwukilaraa, warshaa gaazii, warshaa boba’aa qulqulleessu, ijaarsa Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Bishooftuu, ijaarsa warshaa gaazii lammaffaa, warshaa xaa’oo, fi ijaarsa manneen miliyoona 1.5 oli dha.

Pirojektoonni kunniin mootummaan ce’umsaa pirojektoota tarsiimoo birmadummaa diinagdee Itiyoophiyaa mirkaneessu hojiirra oolchaa akka jiru mirkaneessa.

• Pirojektoonni gurguddoon Ministirri Muummee labsan irra caalaan isaanii gara marsaa raawwiitti ce’aniiru.

Ji'a tokko osoo hin guutiin Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Fulbaana 22, 2018 Invastimanti Holdingi Itiyoophiyaan walta'iinsa Dangootee Giruup waliin ta'uun warshaa xaa’oo yuuriyaa ijaaruuf dhagaa bu'uuraa kaa'aniiru.

Warshaan xaa’oo kun waggaatti xaa’oo toonii miliyoona 3 omishuun ni dhiheessa jechuun isaanii ni yaadatama.

Sadaasa 29, 2018 Sagantaa jalqabsiisa Misooma Humna Niwukilaraa Itiyoophiyaa fi Komishinii Humna Niwukilaraa Itiyoophiyaa hojii jalqabsiisuuf waltajjiin marii gaggeeffameera.

Yeroo sanatti Komishinarri Inarjii Niwukilaraa Itiyoophiyaa Saandookaan Dabbabaan akka himanitti, Misoomni teeknooloojii niwukilaraa Itiyoophiyaa jalqabbii misooma biyyoolessaa nageenya anniisaa, ce’umsa dinagdee fi dandamachuu yeroo dheeraa mirkaneessuu irratti hundaa’eedha jedhani.

Teeknooloojiin Niwukilaraa Itiyoophiyaa karaa nagaa bu’uura fayyaa, qonnaa, industirii fi hojii qorannoo keessatti dandeettii anniisaa qulqulluu maddisiisuu guddisuudhaan qoratamaa akka jirus ibsaniiru.

Haaluma walfakkaatuun, Fulbaana 22, 2018 Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad naannoo Somaalee kaalub piroojektii gaazii uumamaa dhangala’aa Ogaaden marsaa jalqabaa kan waggaatti liitira miiliyoona 111 oomishuuf dandeettii qabu eebbisaniiru.

Achumaan ijaarsa Warshaa boba’aa Qulqulleessituu Godeefis dhagaa bu'uuraa kaa'aniiru. Warshaan Qulqulleessituu boba’aa Godee yeroo xumuramu fedhii naafxaa fi beenzilaa Itiyoophiyaa keessaa dhibbeentaa 80 hanga 90 guutuu akka danda’u Ministirri Albuudaa Injiinar Habtaamuu Taganyi dubbachuun isaanii kan yaadatamudha.

Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad ijaarsa Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Bishooftuu Onkololeessa 2, 2018 dhagaa bu’uuraa kaa’uudhaan eegalchiisaniiru.

Buufanni Xiyyaaraa kuni yeroo xumuramu waggaatti imaltoota miiliyoona 110 qabachuu kan danda’u yoo ta’u, Afrikaadhaan wiirtuuwwan geejjibaa qilleensaa addunyaa irraa adda duree ta’an ishee keessaa tokko taasisa.

• Walumaagalatti pirojektoonni buufata xiyyaaraa guddina Itiyoophiyaa saffisiisuu keessatti gahee olaanaa qabu.

Pirojektoonni kunneen guutummaan guutuutti yommuu xumuraman carraa hojii uumuu fi guddina diinagdee keessatti gahee olaanaa ni qabaatu; akkasumas Itiyoophiyaan mallattoo badhaadhina Afrikaa akka taatu ni dandeessisa.

Erga jijjiiramni dhufee booda dandeettiin Itiyoophiyaan pirojektoota gurguddoo eegaluu fi xumuruuf qabdu yeroodhaa gara yerootti dabalaa dhufuu isaa argineerra.

Gara fuula duraattis Itiyoophiyaa Pirojektoota gurguddoo jalqabde yeroo kaa’ameefiitti akka xumurtu mirkanaa’aa dha.

#Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015