Tamsaasa Kallatti:

Bitootessi 24 guyyaa demokiraasiin fuulleetti ba’ee fi yaadni ida’amuu itti mo’ateedha

Bitootessa 24/2018(ENA)- Bitootessi 24 guyyaa dimokiraasiin fuulleetti ba’ee fi yaadni ida’amuu itti mo’ate ta’uu paartii badhaadhinaatti Hogganaan Damee Siyaasaa Waajjira Damee Naannoo Oromiyaa Namarraa Bulii ibsan.

Hiriira deeggarsaa Jijjiirama biyyaalessaa ilaalchisuun magaalaa Jimmaatti gaggeeffamerratti ergaa kan dabarsan Obbo Namarraan, guyyichi Itiyoophiyaan biyya meeshaan osoo hin ta’iin yaada caalmaan injifateen bultu ta’uushee guyyaa itti Addunyaatti mul’istedha jedhaniiru.


 

Waggoota jijjiiramaa darbanitti naannichatti birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf hojiiwwan hojjetamanii fi oomisha qamadii gara alaatti erguun danda'amuunsaa milkaa'ina galmaa'an keessaa isaan ijoo ta’uusaa eeraniiru.

Qormaatilee Jijjiiramaan booda nu mudatan gara carraatti jijjiiruun milkaa'ina hedduun galmaa'aniiru kan jedhan Obbo Namarran, dhibbaawwan adda addaa dandamachuun hojiiwwan ciccimoon hojjetamuu ibsaniiru.

Xiyyeeffannaan itti aanus dinagdee qaala'iinsa jireenyaa dandamachuu danda'u ijaaruu fi hojiiwwan misooma hawaasummaa cimsuun itti fufsiisuu akka ta'u eeraniiru.


 

Bulchaan Godina Jimmaa Obbo Tijjaanii Naasir gama isaaniin, Bitootessa 24 guyyaa Saboonni fi Sab-lammoonni itti injifatan fi boqonnaan jijjiiramaa haaraa itti eegale waan ta'eef, yeroo hunda Seenaa keessatti yaadatamaa akka jiraatu dubbataniiru.

Haaluma walfakkaatuun, Godina Wallagga Dhihaatti jijjiirama biyyaalessaa waggaa 8ffaa ilaalchisuun hiriira deeggarsaa gaggeeffame irratti Bulchaan Godinichaa Obbo Taliilaa Tarrafaa akka dubbatanitti, Bitootessa 24 guyyaa godinichatti injifannoon misoomaa akka galmaa'u taasisedha.


Naannichi qormaatilee adda addaa keessa osoo jiruu, jiraattonni Godinichaa nagaa fi misooma kan barbaadu ta'uusaa hojiin agarsiiseera jedhaniiru.

Bulchaan kun dabaluunis, hojiiwwan misoomaa gama hundaan galmaa'an akka hin gufanneef, kutaaleen hawaasaa hundi naannoosaa eeggachuun qoodasaa akka bahu waamicha dhiyeessaniiru.

Jiraattonni hiriira deeggarsaa Magaalaa Gimbiitti gaggeeffame irratti argamanis, waggoota jijjiiramaa keessatti milkaa'ina argame itti fufsiisuuf qooda keenya ni baana jedhaniiru.

Imala Milkaa'ina Bitootessa 24 Sababeeffachuun Jiraattonni hiriira deeggarsaa Magaalaa Gimbiitti gaggeeffamerratti hirmaatan, waggoota jijjiiramaa Saddeettan darban keessatti hojiiwwan misoomaa ummata fayyadamoo taasisan hedduun hojjetamuusaanii ragaa bahaniiru.


Obbo Buusaa Garmaamaa fi Obbo Wasanuu Tarfaasaa waggoota darban keessatti hojiiwwan bu'ura misoomaa adda addaa fayyadamummaa ummataa mirkaneessan bal'inaa fi qulqullinaan hojjetamaniiru jedhaniiru.


Fuuldurattis hojiiwwan misoomaa karoorfaman galma akka ga'aniif qooda keenya ni baana jedhaniiru.

Godinichatti dameewwan hundaan hojiiwwan qabatamaan hojjetamuu ibsuun, bu'aa argame cimsuuf yeroo kamiyyuu caalaa akka hojjetan mirkaneessaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015