Tamsaasa Kallatti:

Naannichatti hojiiwwan misoomaa waggoota jijjiiramaa darban keessatti fayyadamummaa ummataa dabalan hojjetamaa turaniiru

Bitootessa 24/2018 (ENA): Hojiileen misoomaa waggoota jijjirama darban keessatti fayyadamummaa ummataa guddisan naannoo Oromiyaa keessatti hojjetamuu isaanii Itti aanaan pireesidaantii naannichaa obbo Awwaluu Abdii ibsaniiru.

Jijjiirama kana deeggaruuf godina Shawaa Lixaa fi magaalaa Ambootti hiriira deeggarsaa gaggeeffame, kutaaleen hawaasaa adda addaa irratti hirmaataniiru.

Obbo Awwaluu Abdii hiriira deeggarsaa kana irrtti ergaa dabarsaniin, damee hedduun jijjiiramni argamuu himani.


 

Misooma magaalaa keessatti magaalota teeknooloojiin ammayyeessuun alattis tajaajila gahumsaa fi qulqullina qabu ummataaf kennuuf tajaajilli "Giddugala iddoo tokkoo” eegalamuu dubbataniiru.

Bu’aawwan misoomaa waggoota jijjiiramaa keessatti galmaa’an eegsisuuf ummanni nageenya waaraa mirkaneessuuf tokkummaan dhaabbachuu akka qabu dhaamaniiru.


 

Bulchaan Godina Shawaa Lixaa obbo Didhaa Guddataa gama isaaniitiin mootummaan jijjiiramaa rakkoolee diinagdee fi hawaasummaa walxaxaa kanaan dura turan hiikuun pirojektoota gurguddoo hojiirra oolchuu isaa ibsani.

Baranas Filannoo waliigalaa 6ffaa irratti waadaa ummataaf galle kabajnee, filannoo waliigalaa 7ffaaf waadaa haaraa seenuun guddina jalqabame itti fufsiifna jedhan.


 

Kantiibaan Magaalaa Amboo obbo Haacaaluu Gammachuu akka himanitti, Guraandhala 24, 2010 irraa eegalee hojiiwwan dameewwan misoomaa magaalichaa hunda keessatti hojjetamaa turan bu’a qabeessa ta’uu ibsaniiru.

Hiriira deeggarsaa kana irratti hawaasni hirmaatanis misooma mootummaa jijjiiramaa kana keessatti galmaa’an irraa fayyadamoo ta’uu himaniiru.


 

Shammarree Dagmaawit Qumlaachoo bu’aalee argaman tikfachaa fi nageenya naannichaa eeguun misooma biyyattii itti fufsiisuuf qophii ta’uu ibsiteetti.


 

Obbo Nugusee Jorroo gama isaaniitiin ummanni waliin dhaabbachuun nageenyaa fi misoomaaf gumaacha isaa itti fufsiisuun irraa eegama jedhan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015