Jijjiiramaan asitti magaalaa Shaggaritti damee qonnaatiin hojiiwwan faayidaa ummataa mirkaneessan raawwatamaniiru - ENA Afaan Oromoo
Jijjiiramaan asitti magaalaa Shaggaritti damee qonnaatiin hojiiwwan faayidaa ummataa mirkaneessan raawwatamaniiru
Bitootessa 24/2018(ENA)- Jijjiiramaan asitti bulchiinsa magaalaa Shaggaritti damee qonnaatiin hojiiwwan faayidaa ummataa mirkaneessan raawwatamuusaanii itti aanaan kantiibaa fi qindeessaan kilaastara qonnaa bulchiinsichaa Girmaa Hayiluu ibsan.
Obbo Girmaa Hayiluu ENA’f akka ibsanitti, waggoottan jijjiiramaa keessa Inisheetiiviiwwan misoomaa faayidaa ummataa mirkaneessan bocamanii hojiirra oolaniiru.
Inisheetiiviiwwan misoomaa kunneen bu’aalee Bitootessa 24 ta’uu ibsaniiru.
Waggoottan darban hojiin qonnaa magaalaatti ammana akka hin beekamne ta’uu kaasanii, magaalaawwan oomishtoota osoo hin taane shamattoota akka turan yaadachiisaniiru.
Yeroo ammaa oomishaaleen sadarkaa magaalaatti nyaatarra darbee gabaaf dhihaachaa akka jiran dubbataniiru.
Deeggarsa garagaraa fi leenjii qonnaan bultoaaf taasifamaa jiruun Kanaan dura waggaatti al tokko qofa oomishamaa kan ture amma yeroo lamaa fi sanaa ol oomishamaa jira jedhaniiru.
Aadaan hojii qonnaan bulaa jijjiiramee inisheetiivii jallisii bonaatiin bu’aan olaanaa galmaa’uun waggaa kana qofa lafa heektaara kuma 40 caalu jallisii boneen misoomerraa Qamadiin kuntaala miiliyoona 2 tuqaa 8 ni abdatama jedhan.
Qonna gannaatiin lafti heektaara kuma 81 ta’u misoomsuun oomishnii fi oomishtummaan waggaa waggaan guddachaa dhufuu kaasaniiru.
Sagantaa maaddii guutuu hojiirra oolchuun hawaasa hirkattummaarraa gara oomishtummaatti fiduun jiraattonni fayyadamaa jiraachuu dubbataniiru.
Jijjiiramaan asitti kilaastaroonni horsiisa beelladaaf oolan 16 magaalichatti ijaaramanii hojiileen misooma aannanii, gabbisa beelladaa, horsiisa lukkuu, horiisa kanniisaa, horsiisa qurxummii fi kanneen biroo bal’inaan raawwatanii jijjiiramni guddaan dhufuusaa ibsaniiru.