Tamsaasa Kallatti:

Bitootessi 24 guyyaa damee hunda keessatti jijjiiramni bu’uuraa lafa qabatedha

Bitootessa 24/2018 (ENA): Bitootessi 24 guyyaa jijjiiramni bu’uuraa damee hundaan lafa qabate ta’uu Hoggantuun Biiroo Lafaa Naannoo Oromiyaa aadde Masarat Asaffaa himani.

Jijjiirama biyyaalessaa waggaa 8ffaa sababeeffachuun hiriirri ummataa naannoo Oromiyaa magaalaa Maayaatti geggeeffameera.

Hiriira ummataa kanarratti hoggantoonni bulchiinsa godinaa fi magaalaa sadarkaa sadarkaan jiran, abbootiin amantaa, qonnaan bultoonni, dargaggootaafi dubartoonni, akkasumas kutaaleen hawaasaa adda addaa hirmaataniiru.


 

Hirmaattonni hiriira deeggarsaa kanaas jijjiirama argame itti fufsiifna, Bitootessi 24 guyyaa bu’uura jijjiiramaa fi badhaadhina Itiyoophiyaaf kaa’e, Bitootessi 24 bu’uura imala ifaa ta’uu ibsuun, ergaawwan biroos dabarfamaniiru.

Hoggantuun Biiroo Lafaa Naannoo Oromiyaa aadde Masarat Asaffaa ergaa guyyaa kana dabarsaniin, Bitootessi 24 guyyaa itti Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Itiyoophiyaa jijjiiruuf aangoo itti fudhatan ta’uu ibsaniiru.

Mootummaan jijjiiramaa qormaata mudate irra aanee imala badhaadhina biyyaalessaa itti fufsiiseera jedhani.

Mootummaan jijjiiramaa naannichaa keessatti nageenyaa fi misooma guddisee, hawaasni hojii misoomaa irratti akka bobba’uu fi fayyadamummaa isaa akka mirkaneessu kan taasise ta’uus ibsaniiru.

Hojiileen Itiyoophiyaan damee diinagdee, hawaasummaa fi siyaasaan olka’iinsa akka qabaattu mirkaneessan hojjetamuu isaaniis eeraniiru.


 

Bulchituun godina Harargee Bahaa aadde Miskii Mohaammad akka himanitti, Bitootessi 24 guyyaa ifni abdii biyyattii keessatti ife dha jedhani.

Ummanni bahee jijjiirama kana deeggaruu galateeffachuun, imala jijjiiramaa Itiyoophiyaan eegalte itti fufsiisuun akka barbaachisu waamicha dhiyeessaniiru.

#Ena Afaan Oromoo #TOI#Ena

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015