Tamsaasa Kallatti:

Chaayinaan pirojektoota misoomaa Itiyoophiyaan gaggeessituuf deeggarsa taasiftu akka cimsitu ibsite

Bitootessa 24/2018(ENA)- Chaayinaan pirojektoota misoomaa Itiyoophiyaan gaggeessituuf deeggarsa taasiftu akka cimsitu beeksifte.

Jilli Itiyoophiyaa ministira maallaqaa Ahimad Shideen durfamu, itti aanaa dura taa’aa ejensii tumsa misoomaa idil addunyaa Chaayinaa (CIDCA) Liiyuu Junfengi waliin Beejingitti sadarkaa olaanaatti mari’ataniiru.

Tumsa turee fi cimaa Itiyoophiyaa fi Chaayinaa jidduu jiru caalaatti guddisuun kaayyoo marii kanaatti.

Marichi dhimmoota misoomaa Itiyoophiyaan dursa kennituuf bu’uureffachuun, tumsa biyyoota lamaan jidduu jiru caalaatti guddisuun haala danda’amurratti kan xiyyeeffate ture.

Gareen Itiyoophiyaa riifoormii biyyaalessaa biyyattiin gaggeessaa jirtuu fi ajandaawwan misoomaa irratti ibsa kan taasise yoo ta’u, guddina saffisaa fi cesumsa caasaa dhugoomsuuf barbaachisummaa tumsa fulla’aa cimsee kaaseera.

Itti aanaan dura taa’aa ejensii tumsa misoomaa idil addunyaa Chaayinaa (CIDCA) Liiyuu Junfengi gamasaaniin, Chaayinaan liqiiwwan dhala xiqqaan kennaman, deeggarsa teekiniikaa fi hojiilee gabbisa dandeettii cimsuun deeggarsa Itiyoophiyaaf gootu akka itti fuftu irra deebi’uun mirkaneessaniiru.

Qaamni lamaan pirojektoota ijaarsarra jiran kan qoratan yoo ta’u, keessumaa tumsa ddameewwan  bu’ura misoomaa Baaburaa, Qonnaa, misooma dijitaalaan, Industirii fi fayyaatiin jiru bal’isuuf carraawwan jiranirratti mari’ataniiru.

Tumsa walii galaa Itiyoophiyaa fi Chaayinaa jidduu jiru gara sadarkaa olaanaatti akka ceesisu odeeffannoon ministeerri maallaqaaENA’f erge mil’iseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015