Tamsaasa Kallatti:

Jijjiiramichaan kan jijjiiramte Magaalaa Harar!

Bitootessi 24 siyaasa Itiyoophiyaa keessatti boqonnaa haaraa missiraachoo jalqabaati.

Jijjiiramni kun qormaanni jiraatus milkaa’ina Itiyoophiyaa gara olka’iinsa guddaatti kan ceesisu galmeessuu itti fufeera.

Jijjiirama kana keessatti Magaalaan Harar fayyadamtuu jalqabaa fi fakkeenya qabatamaa firii jijjiiramaa imala Itiyoophiyaa bayyanachiisu keessatti mul’atte dha.


 

Magaalattiin jijjiirama olka’iinsa ishee mirkaneessu saffisa seenaa ishee keessatti mul’atee hin beekneen miidhagaa jirti.

Harar akka magaalaa durii fi seenaa qabduutti sadarkaa seenaa ishee madaalutti guddachuu baattus, erga jijjiiramni dhufee as seenaan kun jijjiirama guddaa argateera.

Hambaa addunyaa Jagool balaa irra ture waggoota jijjiiramaa kana keessatti balaa irraa baraarameera.

Pirojektoota misooma koridara magaalattii fi Jagool irra deebiin misoomsuun, Pilaazaa Abaadir fi Pilaazaa Nuur dabalatee, magaalattii bakka gahumsa turistii filatamaa taasisuu qofa osoo hin taane jiraattotaaf mijataa akka taatu taasiseera.

Pirojektoota misooma koridaraa magaalattii keessatti hojjetaman keessaa daandii miilaa fi biskileetii bal’aan, ibsaan daandii ammayyaa, iddoowwan magariisaa fi bakkeewwan bashannanaa kanneen eeramani dha.

Hojiiwwan hundahammate bal'inaan hojjetamaniin Harar magaalaa har'a daawwachuuf nama hawwattu taateette.

#Ena Afaan Oromoo #TOI#Ena

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015