Bu'aawwan mootummaa jijjiiramaan argame cimsinee itti fufsiifna - ENA Afaan Oromoo
Bu'aawwan mootummaa jijjiiramaan argame cimsinee itti fufsiifna
Bitootessa 24/2018 (ENA): Jiraattonni magaalaa Jimmaa hojiiwwan misoomaa fi milkaa’inoota mootummaan jijjiiramaa eegale cimsinee itti fufsiifna jedhani.
Hundeeffama mootummaa jijjiiramaa waggaa 8ffaa kabajuuf hiriirri ummataa magaalaa Jimmaatti geggeeffameera.
Yaada jiraataan magaalaa Jimmaa obbo Nigaatuu Damissee ENA’f kennaniin, mootummaan jijjiiramaa hidha haaromsa guddicha Itiyoophiyaa waggoota muraasa darban keessatti tumsa cimaa ummata Itiyoophiyaatiin eegalame xumuruu danda’eera jedhani.
Kunis milkaa’ina dhiibbaa dippilomaasii ulfaataa irra aanuu irraa argame ta’uu eeruun, pirojektoota hafan itti fufsiisuuf waliin dhaabbachuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.
Aadde Roozaa Takkaa gama isaaniitiin, mootummaan jijjiiramaa waggoota darban keessatti hariiroo dippilomaasii Itiyoophiyaa guddiseera jedhan.
Dhimmi abbummaa buufata Galaanaa argachuu gaaffii bira darbee ajandaa waltajjiiwwan gurguddoo addunyaa ta’uu eeruun, milkaa’ina isaaf jijjiirama biyyaalessaa kana deeggaruun itti fufsiisuu akka qaban himani.
Erga jijjiiramaa as dubartoonni sadarkaa hojii mootummaa olaanootti hirmaachuu jalqabaniiru kan jette immoo shamarree Eden Maarqosi dha.
Jijjiiramni biyyaalessaa fayyadamummaa dubartootaaf dursa kan kenne ta’uu eeruun, deeggarsa kanaaf cimsinee itti fufna jetteetti.
Dargaggeessi biraa Haayidar Huseen Itiyoophiyaa keessatti haala kanaan dura hin argamne keessatti paartileen siyaasaa waldorgoman iddoowwan mootummaa ijoo qabatanii biyya isaanii akka tajaajilan eeyyamameera jedhe.
Aadaa walta’iinsa walitti dhiyeenyaa kana eegsisuuf jijjiirama biyyaalessaa deeggaruun itti fufsiisna jedheera.
#Ena Afaan Oromoo #TOI#Ena