Tamsaasa Kallatti:

Erga jijjiiramni biyyaalessaa dhufee as lafti qonnaa kilaastaraan qotamu hektaara miiliyoona 12.3 gaheera

Bitootessa 23/2018 (ENA): Erga jijjiiramni biyyaalessaa dhufee as lafti qonnaa kilaastaraan qotamu hektaara miiliyoona 12.3 gahuu Daarektarri Olaanaa Inistiitiyuutii Tiraanisfoormeeshii Qonnaa Itiyoophiyaa Dr. Maandafiroo Nugusee himaniiru.

ENA’n Inistiitiyuutii Tiraansifoormeeshinii Qonnaa Itiyoophiyaa waliin ta'uun, mata duree "Oomishtummaa Qonnaa wabii Nyaataa mirkaneessuu fi Kabaja Biyyaalessaaf" jedhuun hojiiwwan damee qonnaatiin bara jijjiiramaa keessatti argame irratti xiyyeeffachuun waltajjii marii gaggeessaa jira.


 

Erga jijjiiramni biyyaalessaa Itiyoophiyaa dhugoomee as dameen qonnaa utubaawwan diinagdee gurguddoo xiyyeeffannoon kennameefii shanan keessaa tokko ta’ee wabii nyaataa mirkaneessuu irratti milkaa’ina argarsiisaa jira.

Inishiyeetiiwwan biyyaalessaa kanneen akka oomisha qamadii bonee, ashaaraa magariisaa, Maaddii Guutuu, kilaastara, makaanaayizeeshinii qonnaa fi jalqabbii biroo wabii nyaataa mirkaneessuuf gumaacha olaanaa taasisaa jiru.

Daarektarri Olaanaa Inistiitiyuutichaa Dr. Maandafiroo Nugusee wayita sana akka himanitti, mootummaan wabii nyaataa mirkaneessuuf damee qonnaa keessatti bu’a qabeessa ta’e hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Jijjiirama biyyaalessaa dura qonnaan bultoota xixiqqaaf deeggarsa gahaa taasisuu dhabuu, oomishaalee gabaa irratti xiyyeeffachuu dhiisuu, sirna qonnaa ammayyaa fudhachuu dhabuu irraa kan ka’e rakkoolee damichaa akka oomishni gahaan hin oomishamne kanneen taasisan keessaa ta’uu eraniiru.

Haa ta’u malee, erga jijjiiramni biyyaalessaa dhufee as damicha bu’a qabeessa taasisuuf tarkaanfiiwwan imaammataa hedduun fudhatamuu ibsaniiru.

Fakkeenyaaf, imaammata misooma qonnaa fi baadiyyaa itti fufiinsa qabu bocuun, deeggarsa xaa’oo olaanaa taasisuun, dhiyeessii meeshaalee makaanaayizeeshinii qonnaa qaraxa irraa bilisa taasisuu fi tajaajila qonnaa dijitaalaan deeggarame babal’isuu, qabeenya uumamaa dammaqinaan itti fayyadamuu, mirga liizii lafaa cimsuu eeraniiru.

Yeroo ammaa kana lafti qonnaa kilaastaraan oomishamu heektaara miiliyoona 12.3 kan gahe yoo ta’u, kunis kan jijjiirama kanaan duraa dachaa 14 oliin guddachuu ibsaniiru.

Lafti heektaara miiliyoona 33.6 eegumsa biyyee fi bishaanii, kunuunsa qabeenya uumamaa, fi bosona deebisanii dhaabuun misoomsuun dandamachiisuun danda’amuu himaniiru.

Oomishtummaan qonnaa dhibbeentaa 56 ol dabaluu eeruun, oomishni midhaanii dachaa sadii guddachuu isaa hubachiisaniiru.

Ijaarsa warshaa xaa’oo eegaluu dabalatee gumaacha dameen qonnaa dinagdee biyyaatiif qabu daran guddisuuf damicharratti hojiin bu’a qabeessa ta’e hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Seektaricha teeknooloojiin daran deeggaruuf akkaataa Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030tiin roodmaappiin qonnaa qophaa’ee pirojektoonni adda addaa eegalamuusaa ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015