Tamsaasa Kallatti:

Yaada filaamaataa qabnu dhiheeffachuuf miidiyaan garagaraa nuuf mijaa’eera

Bitootessa 23/2018(ENA)-Filannoorratti ddammaqinaan hirmaachuun yaadota filaamtaa paartiisaanii qaqqabsiisuuf miidiyaaleen garagaraa akka isaaniif mijate paartiin bilisa baasaa Affaar(PABA) ibse.

Paartileen siyaasaa morkattootaa filannoo walii galaa 7ffaaf karaa sabdaneessummaa keessummeessuun danda’amuun karaa miidiyaalee garagaraa waltajjiiwwan falmii gaggeeffamaa jiru.

Miseensi hojii raawwachiisaa paartii bilisa baasaa Affaar obbo Hanferee Mahaammad ENA’f akka ibsanitti, filannoon waliigalaa baranaa karaa nagaa, demokiraatawaa fi bilisa ta’een dirree siyaasaa mijataa ta’een adeemsifamaa jiraachuu ibsaniiru.

Haala mijataa uumametti fayyadamuun paartileen siyaasaa filannoo walii galaa kanaaf bilisaan falmuun karaa nagaa fi demokiraatawaa gaggeessaa jiraachuu dubbataniiru.

Haala nageenyaa naannoosaanii jirurraa ka’uun dhimmoot filannoon wal qabatanirratti gufuun kamiyyuu akka isaan hin mudanne beeksisaniiru.

Filannoon baranaa sirni demokiraatawaa akka jiraatuu fi ummanni sagaleesaatiin murteessuu akka danda’u adeemsi jiru gaarii ta’uusaa yaadachiisanii, filannichi demokiraatawaa fi haqa qabeessa ta’ee akka xumuramu qooda keenya bahaa jirra jedhaniiru.

Seera filannoo hordofuun dadammaqsaa akka jiranis dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015