Jijjiiramni biyyaalessaa Itiyoophiyaan damee qonnaatiin milkaa’inoota seenaa jijjiiran akka galmeessiftu godheera - ENA Afaan Oromoo
Jijjiiramni biyyaalessaa Itiyoophiyaan damee qonnaatiin milkaa’inoota seenaa jijjiiran akka galmeessiftu godheera
Bitootessa 23/2018(ENA) - Jijjiiramni biyyaalessaa Itiyoophiyaan damee qonnaatiin dandeettii oomishtummaa gabbifachuun birmadummaa nyaataa akka mirkaneessitu kan gargaaran milkaa’inoonni seenaa jijjiiran kan itti galmaa’an ta’uu de’eetaan ministira qonnaa Dr. Fiqruu Raggaasaa ibsan.
ENA’n Inistiitiyuutii tiraanisfoormeeshinii qonnaa waliin ta’uun “mata duree oomishtummaan qonnaa birmadummaa nyaataa fi kabaja biyyaaf” jedhuun waltajjiin marii bu’aalee dame qonnaan baroota jijjiiramaatti argaman irratti xiyyeeffate gaggeeffamaa jira.
Jijjiiramni biyyaalessaa Bitootessa 24 bara 2010 erga dhugoomee eegalee, qonni utubaawwan dinagdee biyyaa deeggaran ijoo shan keessaa tokko ta’uun xiyyeeffannoon kennameefii hojjetamaa jira.
Bariituu jijjiiramichaatti damee kana hojmaata aadaarraa gara ammayyaatti ceesisuuf hojii qindaa’aa hojjetameen, oomisha qamadiin of danda’uurra darbee oomisha gabaa alaaf dhihaatu oomishuun danda’ameera.
De’eetaan ministira qonnaa Dr. Fiqruu Raggaasaa, de’eetaan ministira qonnaa Dr. Soofiyaa Kaasaa, hojii raawwachiisaan olaanaa ENA obbo Seeyifee Darribee, daarektarri olaanaa Inistiitiyuutii tiraanisfoormeeshinii qonnaa Itiyoophiyaa Dr. Maandafiroo Nugusee, ogeeyyonni dame qonnaa fi keessummoonni afeeraman waltajjicharratti argamaniiru.
De’eetaan ministira qonnaa Dr. Fiqruu Raggaasaa wayita kana, dameen qonnaa nageenya soorataa, carraa hojii uumuun, daldala alergii fi haala qilleensaarratti qooda dinagdee adda duree qaba jedhaniiru.
Sirni qonnaa jijjiiramaan dura ture boodatti hafaa, jijjiirama haala qilleensaan kan qoramu akka ta’e yaadatanii, sirni qonnaa oomishtummaa tirataa tures seenaa dame qonnaa kan xureessuu fi adeemsa oomishtummaa quucarsu keessa darbuusaa yaadachiisaniiru.
Bariituu jijjiirama biyyaalessaatti tarkaanfiiwwan imaammataa fi tarsiimoo oomishtummaa qonnaa fooyyessan fudhatamuusaanii kaasaniiru.
Haala Kanaan jijjiiramni biyyaalessaa dameen qonnaa boqonnaa oomishtummaa seenaa jijjiiru birmadummaa soorataa Itiyoophiyaa mirkaneessuu dandeessisu keessa galeera jedhaniiru.
Oomishtummaan qonnaa kaka’umsa ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin hojiirra oole qamadii facaasaa gannaa fi jallisii bonee bu’aa guddaa agarsiisuusaa beeksisaniiru.
Bariituu jijjiirama biyyaalessaatti tarkaanfiiwwan imaammataa fi tarsiimoo oomishtummaa qonnaa fooyyessan fudhatamuusaanii kaasaniiru.
Haala Kanaan jijjiiramni biyyaalessaa dameen qonnaa boqonnaa oomishtummaa seenaa jijjiiru birmadummaa soorataa Itiyoophiyaa mirkaneessuu dandeessisu keessa galeera jedhaniiru.
Oomishtummaan qonnaa kaka’umsa ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin hojiirra oole qamadii facaasaa gannaa fi jallisii bonee bu’aa guddaa agarsiisuusaa beeksisaniiru.
Hojii raawwachiisaan olaanaa ENA obbo Seeyifee Darribee, mariin paanaalii kun wagga saddettaffaa jijjiirama biyyaalessaa ilaalchisuun imalaa fi milkaa’inoota qonnaa ilaaluuf qophaa’uusaa eeranii, faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa, kabaja biyyaa fi birmadummaa akkasumas bifa biyyaa ijaaruu fi eeguun ergama ENA isa ijoodha jedhaniiru.
ENA’n inistiitiyuutii tiraaniffoormeeshinii qonnaa Itiyoophiyaa waliin ta’uun waltajjii kana akka qopheesse himaniiru.