Yaad-rimeen mootummaa jijjiiramaa kana keessa bocame aadaan dhimma biyyaalessaa irratti walitti dhiyeenyaan hojjechuu cimee itti fufuu qaba - ENA Afaan Oromoo
Yaad-rimeen mootummaa jijjiiramaa kana keessa bocame aadaan dhimma biyyaalessaa irratti walitti dhiyeenyaan hojjechuu cimee itti fufuu qaba
Bitootessa 23/2018 (ENA): Yaad-rimeen mootummaa jijjiiramaa kana keessa bocame aadaan dhimma biyyaalessaa irratti walitti dhiyeenyaan hojjechuu cimee itti fufuu qaba
jedhan hayyoonni Yunivarsiitii Wallaggaa.
Mul’anni siyaasaa mootummaa jijjiiramaa, paartileen mul’ata adda addaa qabaatanis, dantaa biyyaalessaa irratti waliin hojjechuun barbaachisaa ta’uu kan deeggaruu fi kana malees hanga aangoo qooduutti illee kan qabatamaan agarsiisedha.
Waggoota jijjiiramaa darban keessatti yaad-rimeen waliin hojjechuu fi dantaa biyyaalessaa irratti waldeeggaruu kun gara dhugaatti jijjiiramuu isaa qabatamaan argineerra jedhani.
Kanumaan walqabatee hayyoonni Yuunivarsiitii Wallaggaa ENA waliin turtii taasisan akka himanitti, Yaad-rimeen mootummaa jijjiiramaa kana keessa bocame aadaan dhimma biyyaalessaa irratti walitti dhiyeenyaan hojjechuu cimee itti fufuu qaba jedhan.
Hayyoonni kun ibsa isaanii keessatti mootummaan ce’umsaa hirmaannaa paartilee siyaasaa morkattootaa dhimma biyyaalessaa keessatti guddisuu fi iddoo siyaasaa babal’isuuf hojii eegale itti fufuu akka qabu ibsaniiru.
Yunivarsiitii Wallagaatti barsiisaan Saayinsii Siyaasaa fi Hariiroo Idil Addunyaa kan ta’an Darajjee Galaasaa akka himanitti, adeemsa ijaarsa biyyaa keessatti mootummaan paartilee siyaasaa dorgoman waliin tumsi taasisuun siyaasa qaroomeef bu’uura kaa’eera jedhani.
Itti dabaluunis, paartileen ilaalcha siyaasaatiin garaagarummaa qabaatanis aadaa dhimma biyyaalessaa irratti walitti dhiyeenyaan hojjechuu akka horatan gargaaruu keessatti gahee mataa isaa qaba jedhan.
Yunivarsiitichatti barsiisaan Saayinsii Siyaasaa fi Hariiroo Idil-addunyaa Mahaammad Arbaayi gama isaaniitiin hojiiwwan iddoo siyaasaa babal’isuu waggoota jijjiiramaa keessatti mul’atan dhimmoota biyyaalessaa irratti walitti dhiyeenyaan hojjechuuf bu’uura kaa’aniiru jedhan.
Mootummaan jijjiiramaa Paartiilee siyaasaa waliin walitti dhiyeenyaan hojjechuun dimokiraasii kan babal’isu ta’uu himaniiru.
Hojii dimokiraasii kana itti fufsiisuu fi sirna mootummaa hirmaachisaa ta’e eeguun guddina biyyaa keessatti gahee olaanaa akka qabus hubachiisaniiru.
Filannoon waliigalaa 7ffaan haala haqa qabeessaa fi dimokiraatawaa ta’een akka xumuramuuf paartileen siyaasaas ejjennoo dantaa Itiyoophiyaaf dursa kennu qabaachuu akka qaban ibsaniiru.