Tamsaasa Kallatti:

Baankiin Chaayinaa Pirojektii Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Bishooftuu irratti hirmaachuuf  fedhii agarsiise

Bitootessa 23/2018 (ENA): Baankiin Chaayinaa pirojektii Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Bishooftuu irratti hirmaachuuf fedhii qabaachuu ibse.

Jilli Itiyoophiyaa Garee Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa fi Ministeera Maallaqaa Ijaarsa Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Bishooftuu haaraaf maallaqa ilaalchisee Baankii Chaayinaa waliin marii taasiseera.

Marii kanarratti jilli Itiyoophiyaa dizaayinii teeknikaa pirojektichaa, sagantaa ijaarsaa fi caasaa maallaqaa(faayinaansii) waliigalaa irratti ibsa bal’aa kenneera.

Dabalataan, pirojekticha bu’a qabeessa, baankota biratti fudhatama kan qabaatu(bankable) akka ta’uu fi yeroo dheeraatti dandeettii faayinaansii biyyattii akka hin miinetti hojiilee jijjiiramaa hojjetaman ilaachisee ibsi kennameera.

Gareen Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa gama isaatiin faayidaan pirojektichaa naannichatti ol’aanaa ta’uu ibseera.

Baankiin Chaayinaa pirojekticha irratti hirmaachuuf fedhii guddaa akka qabu ibseera.

Baankichi invastimantii buufata xiyyaaraa irratti muuxannoo kan qabu ta’uu ibsuun, Afrikaa keessatti pirojektoota bu’uuraalee misoomaa dhiibbaa olaanaa uuman irratti kan xiyyeeffatu ta’uu ibseera.

Pirojektiin buufata xiyyaaraa kun hojiiwwan dursa kennuu fi muuxannoo Baankichi pirojektoota bu’uuraalee geejjibaa gurguddoo maallaqaan gargaaruu irratti qabu waliin haala gaariin kan walsimu ta’uu Baankichi beeksiseera.

Baankichi bu’uura faayinaansii hubachuu fi karaalee waliin hojjechuu danda’an qorachuuf Qindeessaa Dursaa Pirojektichaa Baankii Misooma Afrikaa waliinis marii taasisaa jira.

Maricha irratti Baankiin Chaayinaa pirojektichaaf deeggarsa maallaqaa gochuuf fedhii akka qabu ibsuu isaa Ministeerri Maallaqaa odeeffannoo ENA’f ergeen beeksiseera.

#Ena Afaan Oromoo #TOI#Ena

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015