Mootummaan waadaa gale gochaan dhugoomsaa sirna bu'uura hawaasummaa qabu dhalootaaf ijaaraa jira- Obbo Hayiluu Addunyaa - ENA Afaan Oromoo
Mootummaan waadaa gale gochaan dhugoomsaa sirna bu'uura hawaasummaa qabu dhalootaaf ijaaraa jira- Obbo Hayiluu Addunyaa
Bitootessa 23/2018(ENA) : Sagantaan Egzibiishinii raawwii hojii Mootummaa Naannoo Oromiyaa waggoottan shanan darban irratti xiyyeeffate mata duree "Waadaa gochaan: Filannoo hanga Filannootti" jedhuun qopheessummaa Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaan Magaalaa Finfinnee Giddugala Aadaa Oromootti banameera.
Sirna baninsa sagantaa kana irratti argamuun haasawaa kan taasisan hoogganaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa obbo Hayiluu Addunyaa, biyya jabduufi mootummaa cimaa qormaata kamuu qolachuun dinagdee itti fufiinsa qabu, misooma hawaasummaa bu'uurri isaa cimaa ta'e, egeree amansiisaa ijaaruuf boqonnaa haaraan saaqame injifannoo wareegama qaalii kaffalameen galmaa'uu eegale cimee itti fufuu ibsaniiru.
Mootummaan imaammata, tarsiimoofi sagantaalee garaagaraa qopheessuun inisheetiiviiwwaniin dabalee baay'ina, qulqullinaa fi ariitiin hojjechuun badhaadhina bu'uura amansiisaa irratti ijaaraa jiraachuu eeruun, waadaa gale hundas gochaan dhugoomsaa filannoo hanga filannoottis hojii hojjetamaa dhufeen, waadaa gale raawwatee, sirna bu'uura hawaasummaa qabu dhalootaaf ijaaraa jiraachuu dubbataniiru.
Sagantaan Egzibiishiniin guyyaa har’aa kun agarsiiftuu hojiiwwan Mootummaan hojjete ta’u guddaa ta'uu eeruun, sagantaa kanarratti hojiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa waggoota Shanan darban hojjetamaa turan baay’ee keessaa muraasni agarsiisaaf dhiyaachuu eeraniiru.
Biirolee fi dhaabbileen Mootummaa Naannoo Oromiyaa hojii waggoottan Shanan darbe hojjetamaa dhufe agarsiisuuf dhufan karaa qindoomina qabuu fi galma waloo mirkaneessuun beeksisuufi hubachiisuun akka isaan irraa eegamus dhaamaniiru.