Tamsaasa Kallatti:

Sirni Dinagdee hedduumminaa Itiyoophiyaa Qabeenyi Albuudaa Utubaa guddinaa kan itti ta’u carraa murteessaa Uumeera

Bitootessa 22/2018 (ENA)- Sirni Dinagdee hedduumminaa Itiyoophiyaa Qabeenyi Albuudaa Utubaa guddinaa kan itti ta’u carraa murteessaa Uumuusa hayyoonni dame kanaa ibsan.

Hayyoonni damee kanaa ENA’f akka ibsanitti; misoomni qabeenya Albuudaa Itiyoophiyaa omishtummaa damichaa kakaasuun, qabeenya uumamaa bal’aa gara fayyadamummaatti jijjiiruun milkaa’ina argamsiisaa jira.

Yunivarsiitii Saayinsii fi Teknoolojii Finfinneetti barsiisaan kutaa Barnoota Jii’oolojii fi Injiinariingii Albuudaa, Doktar Girmaa Waldatinsaa’ee; jijjiiramni biyyaalessaa Itiyoophiyaan qabeenya uumamaasheetti akka fayyadamtu carraa uumeera jedhaniiru.

Sirni dinaggee hedduumminaa Itiyoophiyaas hanqina hoj-maataa misooma qabeenya Albuudaa furuun, oomishtummaa daldalaa fi invastimantii qabeenya uumamaa mijataa uumuusaa ibsaniiru.

Qabeenyi uumamaa guddina biyyaa keessatti gahee ijaarsaa akka bahaaniif haalli dandeessisu uumamuunsaa, Qabeenya Albuudaa adda baasuun Sirna Bulchiinsaa madaalawaa uumuuf kan dandeessise ta’uu himaniiru.

Gumaacha qabeenyi albuudaa guddina biyyaatiif taasisu dabaluuf, bu’a qabeessummaa daldalaa fi invastimantii damichaa kan mirkaneessan hojiiwwan qorannoo fi qo’annoo cimanii itti fufuu akka qaban dhaamaniiru.

Keessumaa tattaaffii fooyya’insa walitti hidhamiinsa gatii qabeenya albuudaa taasifamu keessatti, nageenya naannoo fi itti fufiinsa isaa eeguun, qooda fudhattoonni damee kanaa qindoominaan hojjechuun akka irra jiraatu hubachiisaniiru.

Invastimantii damee Albuudaatti hoji-geessaan kaampaanii dhuunfaa Ardiikoo Doktar Wadaajee Abbabaa ce’umsa dinaggee Itiyoophiyaa keessatti dameen albuudaa gaheesaa kan itti gumaachu haalli mijataan uumameera jedhaniiru.


 

Sirni dinaggee hedduuminaa Itiyoophiyaa fi fooyya’insi diinagdee gooroo, omishtummaa Invastimantii Albuudaatiif carraa murteessaa uumuusaanii ibsaniiru.

Kanaaf hojii qorannoo fi qo’annoo bu’a qabeessa ta’e gaggeessuun, kaka’umsa omishtummaa qabeenya uumamaatiin uumame caalaatti cimsuun akka barbaachisu ibsaniiru.

Fuuldurattis omishtummaa qabeenya Albuudaa itti fufsiisuuf, humna namaa damee kanaan ogummaa qabuu fi teknoolojii horachuun akka barbaachisu dubataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015