Mootummaan rakkoo dhiheessii boba’aa sababa waraana giddu gala bahaa fi rakkoo idil addunyaan mudate damdamachuuf murtoo furnaataa dabarse - ENA Afaan Oromoo
Mootummaan rakkoo dhiheessii boba’aa sababa waraana giddu gala bahaa fi rakkoo idil addunyaan mudate damdamachuuf murtoo furnaataa dabarse
Bitootessa 22/2018(ENA)- Mootummaan rakkoo dhiheessii boba’aa sababa waraana giddu gala bahaa fi rakkoo idil addunyaan mudate damdamachuuf murtoo furnaataa dabarsuusaa ministirri daldalaa fi walitti hidhamiinsa riijinii Dr. Kaasahuun Goofee ibsan.
Waraannii fi al-tasgabbiin giddu galeessa bahaa gabaa fi dhiheessii boba’aa biyya keenyaarratti dhiibbaa gahuu danda’u akkasumas kallattiiwwan mootummaan hordofu ilaalchisuun ministirri daldalaa fi walitti hidhaminsa riijinii Dr. Kaasahuun Goofee ENA’f ibsa kennaniiru.
Kutaan addaa dhiheessii fi raabsii boba’aa hordofu, tarkaanfii fudhatuu fi dameelee boba’aan dursa kennamuuf adda baasu hundeeffamuusaa ifoomsaniiru.
Hanqina dhiheessii boba’aa mudate sochii hawaasummaa fi dinagdee lammiilee irratti dhiibbaa akka hin geessifnee fi haqa qabeessummaan gaggeessuuf mootummaan har’aa eegalee hojiirra kan oolu murtoo dursi kennamuufii danda’u dabarsuusaa ministirichi ifoomsaniiru.
Haala Kanaan-
1. Konkolaattonni boba’aa fe’an buufatarratti hunda dura dursi akka kennamuuf,
2. Oomishtoonni olaanoo fi dhaabbileen alergitootaa kallattiidhaan,
3. Pirojektoonni mootummaa fi dhuunfaa xiyyeeffannoo addaa barbaadan kallattiin,
4. Konkolaattonni daldala alergii fi alaa galu dabalatee oomishaalee guyya guyyaa fe’an,
5. Tiraaktaroota qonna ammayyeessan,
6. Konkolaattota geejjibaa magaalaa fi qaxxaamura biyyaa,
7. Akkasumas konkolaattonni geejjiba ummataa Naafxaan hojjetan dursa boba’aa akka argatan kan taasisu hojmaanni fayyadama boba’aa dursa akka argatan taasisu hojiirra akka oolu ibsaniiru.
Bittaa fi dhiheessii boba’aan wal qabatee hoggantoota dabalatee namoonni 658 to’annaa jala kan oolan yoo ta’u, boba’aan liitira kuma 720 caalu qabamee mootummaaf galii ta’eera jedhaniiru.
Hawaasarraa kan eegamus akkasiin ifoomsaniiru-
1) Boba’aa qusannoon itti fayyadamuu,
2) Filmaattota humna haaromfamaa fayyadamuu,
3) Aadaa lafoo deemuu gabbifachuu,
4) Sagantaa imala hin barbaachifnee dhaabuu,
5) Geejjiba ummataatti fayyadamuu,
6) Gocha seeraan alaa bittaa fi gurgurtaa boba’aarratti mul’atan saaxiluun mootummaa waliin akka hojjetu waamicha taasisaniiru.