Dameen Turizimii diinagdee maddisiisuu akka danda’uuf nageenyaaf xiyyeeffannoon kennamuu qaba - Bulchaa Ordiin Badirii - ENA Afaan Oromoo
Dameen Turizimii diinagdee maddisiisuu akka danda’uuf nageenyaaf xiyyeeffannoon kennamuu qaba - Bulchaa Ordiin Badirii
Bitootessa 22/2018 (ENA): Dameen Turizimii diinagdee maddisiisuu akka danda’uuf nageenyaaf xiyyeeffannoon kennamuu qaba jedhani bulchaan naannoo Hararii obbo Ordiin Badiriin.
Ministeerri Nageenyaa mata duree "Turizimii Nageenyaa Ijaarsa Biyyaaf"mata duree jedhuun namoota dhiibbaa miidiyaa hawaasaa uumuu qabaniif magaalaa Harar keessatti sagantaa marii fi daawwannaa qopheesseera.
Sagantaan kun namoonni dhiibbaa miidiyaa hawaasaa uumuu danda’an hawwata turizimii fi iddoowwan seena qabeessa naannoo sanaa daawwachiisuudhaan ijaarsa biyyaa keessatti gumaacha isaanii akka bahatan kan taasisudha.
Magaalaan Harar magaalaa nageenyaa saboonni amantaa, aadaa fi afaan adda addaa qaban waliin jiraatanidha jedhan obbo Ordiin Badiriin.
Keessumaa fageenya gabaabaatti manneen amantaa adda addaa akka jiran eeruun,kunis waliif yaaddoo osoo hin taanee waliif yaaduun kan jiraatan ta’uu ibsaniru.
Hambaalee lama hambaa idil-addunyaatti kan galmeessifte magaalattiin,bakkeewwan hawwata turizimiishee gara diinagdeetti jijjiiruun diinagdee naannichaa ariifachiisuu qabdi jedhani.
Hawaasni addunyaa waggoota 500 dura bakka hambaa Jugool ijaaruu danda’uun isaa olka’iinsa qaroomina yeroo sanaa agarsiisa jedhan.
Haa ta’u malee, bakkeewwan hawwata turizimii naannichatti argamu sirnaan misoomsuun itti fayyadamuuf nageenyi faayidaa olaanaa qaba jedhani.
Sagantaan akkanaa iddoowwan hambaa beeksisuu fi gumaachi gatii nageenyaa olaanaa akka ta’es ibsaniiru.
Filannoon biyyaalessaa itti aanu karaa nagaa ta’een milkaa’inaan akka gaggeeffamuuf gahee olaanaa akka qabu hubachiisaniiru.
#Ena Afaan Oromoo #TOI#Ena