Hojiiwwan misoomaa milkaa’oo waggoottan jijjiiramaatti Naannichatti galmaa’an itti fufiinsa akka qabaataniif hayyoonni gaheesaanii cimsuu qabu - ENA Afaan Oromoo
Hojiiwwan misoomaa milkaa’oo waggoottan jijjiiramaatti Naannichatti galmaa’an itti fufiinsa akka qabaataniif hayyoonni gaheesaanii cimsuu qabu
Bitootessa 22/2018 (ENA)-Naannoo Oromiyaatti Milkaa’inni hojiiwwan Misoomaa waggootaan jijjiiramaa keessa galmaa’an akka itti fufaniif hayyoonni gahee isaanii cimsuu akka qaban ibsame.
Marii Magaalaa Jimmaatti gaggeeffamaa jirurratti Hoggantoonni ol’aanoo Naannoo Oromiyaa fi Hayyoonni Dhaabbilee Barnoota Ol’aanoo hirmaachaa jiru.
Waltajjiicharratti Hoogganaan damee Siyaasaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Namarraa Bulii akka ibsanitti; waggoota jijjiiramaa darban keessa naannichatti gama hundaan milkaa’inni misoomaa galmaa’eera.
Keessattuu hojiiwwan misoomaa dameewwan Qonnaan, Barnootaa fi Fayyaan raawwataman fayyadamummaa ummataa haala fooyya’aa ta’een guddisuusaanii dubbataniiru.
Naannichatti rakkooleen qulqullina Barnootaa waliin wal qabatan furmaata waaraa akka argataniif Manneen Barootaa Bu’uura Booruu Naannicha hunda keessatti bal’inaan ijaaramuu yaadachiisasaniiru.
Rakkoolee kenniinsa tajaajilaan wal qabatee jiru furuuf tajaajil wiirtuu tokkoo "Masoob" babal’isuu fi tajaajila dijitaalaa dhiyeessuun bu’aa qabeessa ta’uu ibsaniiru.
Milkaa’inoonni kunneen cimanii akka itti fufaniif, Hayyoonni qorannoo fi qo’annootiin deeggaruun gahee isaanii ba’achuu akka qaban hubachiisaniiru.
Waltajjicharratti barreeffama marii kan dhiheessan Hogganaan Waajjira Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa doktar Abdulaziiz Daawud; hojiiwwan misoomaa naannichatti namarratti xiyyeefatamanii hojjetamaa jiran bu’aa argamsiisaa jiraachuu ibsaniiru.
Keessattuu, Innisheetivii misooma Qonnaa haaraa waggoota jijjiiramaa keessa hojiirra oolan wabii nyaataa mirkaneessuu keessatti gahee guddaa taphachuusaanii dubbataniiru.
Misoomni qamadii bara 2010n lafa hektaara miiliyoona 1 tuqaa 9 qofarrtti omishamaa kan ture, amma jallisii babal’isuungara hektaara miliyoona 6 tuqaa 3tti guddisuun danda’amuusaa akka fakkeenyaatti eeraniiru.
Milkaa’inni kun kan argame waggaatti yeroo lamaa fi isaa ol oomishuun waan danda'ameef ta'uu eeruun, dhaloota dhufuu dinagdee fooyya’aa dhaalchisuuf hundi waliin socho’uu akka qabu dhaamaniiru.