Tamsaasa Kallatti:

Baankiin Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Qaala'iinsa jireenyaa To'achuuf kallattii Imaammata Maallaqaa Cimaa qabate akka itti fufsiisu ibse

Bitootessa 22/2018 (ENA): Baankiin Biyyaalessaa Itiyoophiyaa biyyattiitti qaala’insa jireenyaa to’achuuf kallattii imaammata maallaqaa cimaa qabate akka itti fufu beeksise.

Koreen imaammata maallaqaa baankichaa walgahii idilee 6ffaa isaa har’a gaggeesseera.


 

Ibsa koreen kun baaseen, qaala'iinsi jireenyaa waliigalaa dhuma baatii Bitootessaa gara dhibbeentaa 9.7tti gadi bu'uu ibseera.

Qaala'iinsi jireenyaa biyya keessaa gadi bu'aa jiraatus, waldhabdeen Baha Giddugaleessaa fi daballiin gatii boba'aa fi meeshaalee shagaxaa irratti dhiibbaa geessisuu akka malu akeekeera.


 

Kanarraa kan ka’e koreen kun imaammata maallaqaa cimaa ta’e(Tight Monetary Policy)  itti fufsiisuuf murteesseera.

Baankiin Biyyaalessaa imaammata maallaqaa cimaa ji’oota darban hojiirra oolchaa ture cimsuun haala qaala’iinsa jireenyaa hir’isuu biyyattii keessatti mul’ate daran tasgabbeessuuf akka itti fufu beeksiseera.

Hamma dhala ka’umsaa baankichaa (NBR) akkuma jirutti akka itti fufuu fi hamma baankonni dhala komii qaban (NPL) hir’isuun sirni faayinaansii nageenyummaan isaa eeggame akka itti fufu akeekkachiiseera.


 

Koreen kun balaa dinagdee addunyaa waldhabdee yeroo ammaa Baha Giddu Galeessaa keessatti uumamuu malu dammaqinaan hordofuun barbaachisaa ta’uus hubachiiseera.

Mootummaan bulchiinsa baajataa of eeggannoo qabu akka itti fufu, liqii kallattiin Baankii Biyyaalessaa irraa fudhachuu akka dhaabu, dorgommii sharafa alaa guddisuuf tattaaffii haaromsaa eegalame akka itti fufu koreen kun yaada dhiyeessera.

Barreeffamni guutuun Korichi ibsa miidiyaaleef kenne walgahii idilee 6ffaa koree imaammata maallaqaa Baankii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa akka armaan gadiitti dhiyaateera:

 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015