Sirni filannoo Meeshaa Ijaarsa Aadaa Dimookiraasii abbummaa Aangoo uummataa mirkaneessu dha - Paartiilee Siyaasaa - ENA Afaan Oromoo
Sirni filannoo Meeshaa Ijaarsa Aadaa Dimookiraasii abbummaa Aangoo uummataa mirkaneessu dha - Paartiilee Siyaasaa
Bitootessa 22/2018 (ENA): Sirni filannoo Meeshaa ijaarsa aadaa dimookiraasii qabatamaan abbummaa Aangoo uummataa mirkaneessu ta’uu Paartiileen Siyaasaa ibsan.
Akka sagantaa yeroo Boordii Filannoo Biyyaalessa Itoophiyaatti, filannoo waliigalaa baranaa kan sagaleen itti kennamu Caamsaa 24 bara 2018 keessatti, galmeen filattootaa Guraandhala 28 bara 2018 irraa eegalee adeemsifamaa jira.
Kanaanis appilikeeshinii “Mircaayeenii” fi buufatalee filannootti argamuun hanga Bitootessa 18 bara 2018tti walii gala filattoonni miiliyoona 28 ol galmaa’uusaanii boordichi beeksiseera.
Filannoo waliigalaa 7ffaa kanaan Paartilee Siyaasaa Morkattootaa dorgoman 47 ta’an kaadhimamtoota kuma 10 fi 934galmeessisuun,filannoowwan Miidiyaatti fayyadamanii imaammatasaanii uummata beeksisaa jiru.
paartileen siyaasaa dorgomtoonni Adeemsa filannoo ilaalchisuun (ENA) waliin turtii taasisaniin,filannoo waliigalaa 7ffaa kana irratti dorgomtoota dammaqoo ta'uuf qophii taasisaa jiraachuu ibsaniiru.
Pireezidantiin Paartii Dhaloota Haaraa fi Walitti qabaan Mana Maree Waliinii Paartilee Siyaasaa Naannoo Oromiyaa Obbo SalamoonTafasaa,filannoon adeemsa Dimookiraasii Abbummaan Aangoo Uummataa itti mirkanaa'u dha jedhaniiru.
Boordiin Filannoo Biyyaalessa Itiyoophiyaas galmee kaadhimamtootaa fi filattoota filannoo walii galaa 7ffaa Sirna Dijiitaalaa dabalatee gaggeessuun, haala filannoo dandeessisu uumuusaa ibseera.
Kanaafis, filannoo waliigalaa Baatii Caamsaatti gaggeeffamu kanaaf dimookiraasummaasaa eegsisuuf qophii dursa barbaachisu xumuruun adeemsichatti hirmaannaa ho’aa taasisaa jiraachuu isaanii dubbataniiru.
Itti gaafatamaan waajjira Paartii Dimookiraasii Uummata Qucaa Baandiraa Balachoo gamasaaniitiin,Jijjiiramnibiyyaalessa Itiyoophiyaa sirna hedduumina paartiileef dorgommii mijataa fi hirmaachisaa ta'e uumuusaa kaasaniiru.
Kanaanis, filannoo waliigalaa 7ffaa irratti dorgommii olaantummaa yaadaa irratti hundaa'e taasisuun, ijaarsa Sirna Dimookiraasiitiif gahee ijaaraa gamasaanii akka bahatan mirkaneessaniiru.
Barreessaa fi Itti gaafatamaan Quunnamtii Uummataa Paartii Dimokiraatawaa Itiyoophiyaa Tokkoo barsiisaa Salamoon Aniibaal; jijjiiramni biyyaalessa Itiyoophiyaa hundeeffama paartiisaaniitiif dirree siyaasaa bal'aa uumuusaa ibsaniiru.
Filannoon waliigalaa torbaffaan Abbummaa Aangoo Uummataa mirkaneessuun, ce’umsa siyaasaa qaroome taasisuuf waltajjii murteessaa ta’uusaa dubbataniiru.
Sirni filannoo meeshaa Ijaarsa Aadaa Dimookiraasii Abbummaa Aangoo uummataa mirkaneessudha kan jedhan itti gaafatamaan kun, adeemsa filannoo keessatti faayidaa biyyaalessaa fi tokkummaa uummataatiif xiyyeeffannoon kennamuu qaba jedhaniiru.
Waltajjiiwwan falmii Miidiyaaleen qopheessan filannoowwan Imaammataa paartilee uummata waliin walitti fiduun, shaakala dimookiraasii dhalootaaf darbu gumaachaa jiraachuu ibsaniiru.
Paartileen Siyaasaa waltajjiwwan falmii miidiyaalee yaadaa , Imaammataa bilchaataa uummataa fi biyya ceessisu dhiheessuun itti fayyadamuu qabna jedhaniiru.