Itiyoophiyaa fi baankiin Invastimantii bu’ura misoomaa Isiyaa ijaarsa bu’ura misoomaa irratti tumsa qaban akka cimsan ibsan - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaa fi baankiin Invastimantii bu’ura misoomaa Isiyaa ijaarsa bu’ura misoomaa irratti tumsa qaban akka cimsan ibsan
Bitootessa 22/2018(ENA) - Itiyoophiyaa fi baankiin Invastimantii bu’ura misoomaa Isiyaa ijaarsa bu’ura misoomaa irratti tumsa qaban guddisuuf kutannoo akka qaban beeksisan.
Ministirri maallaqaa Ahimad Shidee itti aanaa pirezidaantii baankii Invastimantii bu’ura misoomaa Isiyaa fi barreessaa Korporeetii Seer Sheraard Kawupper-Kolsi waliin Beejiingitti mari’ataniiru.
Mariin kun tumsa Itiyoophiyaa fi Baankicha jidduu jiru caalaatti cimsiin haala danda’amurratti kan xiyyeeffatudha.
Marii Kanaan tumsaan hojjetamuu kan danda’anii fi bu’ura misoomaa fi karoora misoomaa dursi kennamuuf irratti yaadni kaafameera.
Baankiin Invastimantii bu’ura misoomaa Isiyaa pirojektii buufata Xiyyaaraa idil addunyaa Bishooftuuf deeggarsa faayinaansii taasisuu danda’urratti bal’inaan mari’ataniiru.
Pirojektiin buufata Xiyyaaraa idil addunyaa Bishooftuu Itiyoophiyaan riijinichatti dandeettii wiirtuu Aviyeeshinii ta’uuf qabdu kan cimsuu fifaayidaa tarsiimawaa guddina dinagdee yeroo dheeraaf qabu ministirri maallaqaa kun ibsaniiru.
Baankichi invastimantii dhuunfaa jajjabeessuunii fi dureeyyii dhuunfaa damee bu’ura misoomaarratti hirmaannaa cimaa akka qabaatan gama gochuutiin qooda qabu cimsanii kaasaniiru.
Qaamni lamaan bu’ura misoomaa fulla’aa Itiyoophiyaa keessatti babal’isuu fi guddina dinagdee damee dhuunfaan durfamu mirkaneessuuf kutannoon akka hojjetan ibsuusaanii odeeffannoon ministirri maallaqaa ENA’f erge mul’iseera.