Tamsaasa Kallatti:

Finfinneen hunda hirmaachisaa fi agarsiiftuu mul'ata misoomaa fageessanii yaaduu magaalaa keenyaati - Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad

Bitootessa 22/2018 (ENA): Finfinneen hunda hirmaachisaa fi agarsiiftuu mul'ata misoomaa fageessanii yaaduu magaalaa keenyaati jechuun Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsani.

Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad ergaa fuula miidiyaa hawaasaa isaanirratti dabarsaniin Finfinneen magaalaa guddoon oli jedhani.


 

Itti dabaluunis Finfinneen magaalaa saffisaan guddachaa jirtu, gara Itiyoophiyaa boruutti seensa; biyya saffisaan jijjiiramaa jirtu; wirtuu dhahannaa onnee ta’uu ibsaniiru.

Bu’uuraalee misoomaa saffisaan babal’isuun, furmaata magaalaa ammayyaa dhiyeessuun, manneen jireenyaa hunda hammate ijaaruu fi guddina itti fufiinsa qabu mirkaneessuun har’a qofaaf osoo hin taane, dhaloota egereef hojjechaa jirra jedhaniiru.

Magaalonni keenya Itiyoophiyaatti argaman haala namoota gahoomsuu, dandeettii itti fayyadamuu fi badhaadhina itti fufiinsa qabu mirkaneessuun bocamuu isaaniis dubbataniiru.

Biyyi keenya bakka guddinnii fi hambaan wal cinaa itti deemanidha; bakka qaroominni durii bu’uura milkaa’ina ammayyaa ta’etti dha jedhani.

Akkasumas lafa eebba lakkaawamee hin dhumne abbootiin qabeenyaa kallattii hundaan dameelee adda addaatiin carraa bal’aa fi hin tuqamne itti argatan ta’uu beeksisaniiru.


 

Daandiiwwan magaalaa Finfinnee irraa hanga daangaa biyyaatti, ciminaa fi cichoominaan,hirmaannaa si’ataan filmaatawwan daldalaa qopheessuun Itiyoophiyaan isin eegdi jechuun ergaa dabarsaniiru.

Magaalaan Finfinnee wiirtuu dippilomaasii Afrikaa ta’uun Ardii guddachaa jirtu addunyaa waliin kan walqunnamsiistu ta’uus himaniiru.

Itiyoophiyaan gara karra seensa gabaa tarsiimoo Afrikaa waan taateef, michuuwwan wiirtuu idil addunyaa akka taatus ishee taasiseera jedhani Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad.

Itiyoophiyaan carraawwaniin ol kan ta’e qabatteetti kan jedhani Ministirri Muummee, innis waan haaraa argachuu fi baasuu dha jedhani.

Asitti egeree ijaaraa jirra! Itiyoophiyaatti invastii godhaa;Itiyoophiyaa Daawwadhaa;Itiyoophiyaa waliin guddadhaa jechuun waamicha dhiyeessaniiru Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015