Tamsaasa Kallatti:

Tarkaanfiiwwan Itiyoophiyaan hamma isheen geessu ifa baasan!

Bitootessi 24/2010 seenaa siyaasaa Itiyoophiyaa keessatti boqonnaan haaraan itti labsame qofa osoo hin taane, jalqaba jijjiirama Itiyoophiyaan gara pirojektoota misooma tarsiimootti ceetu kan ta’e ture.

Hojiileen misoomaa waggoota saddeet darban keessatti hojjetaman dandeettii fi gahumsa Itiyoophiyaan qabdu gara hojii qabatamaatti seenuu "gahumsa biyyaalessaa qixaan " kan agarsiisani dha.

Yeroo jijjiirama biyyaalessaa kana keessatti hojii ijoo ta’ee kan fudhatamu Ijaarsa Hidha Haaromsa Guddicha Itiyoophiyaa xumuruuf tarkaanfii bilchaataa fudhatame dha.


 

Hidhi Haaromsa Guddichi Itiyoophiyaa qabsoo guddaal ammiileen Itiyoophiyaa dhiibbaa dippilomaasii fi qormaata keessootti osoo hin injifatamiin dhugaa waloo itti ijaaranidha kan milkeessani dha.

Mootummaan jijjiiramaa hawaasa dadammaksuunii fi hogganuun hojii xiiqii dhalootaa kan ta’e Hidha Haaromsa Guddicha Itiyoophiyaa xumuruun agarsiiseera.

Kunis taatee guddaa waltajjii addunyaa irratti amanamummaa fi birmadummaa Itiyoophiyaa irra deebi'ee kan mirkaneesse dha.


 

Gama biraatiin, sababa xumuramuu Hidha Haaromsa Guddicha Itiyoophiyaatiin ifni abdii damboobe hojii magaalota Itiyoophiyaa keessati eegalame gara fuulduraatti saffisiisuuf carraa uumeera.


 

Har’a misoomni koridaraa magaalota Itiyoophiyaa keessatti amala ammayyaa ta’aa jira.

Magaalonni Itiyoophiyaa jaarraa hedduuf quucaranii kan turani dammaquun daandii miilaan deeman, daandii biskileetii, fi bashannana ummataa of keessatti hammataniiru.

Itiyoophiyaan Mallattoo ummata gurraacha ta’uun, Afrikaanonni qaroomina isaanii haala yeroo wajjin walsimuun guddifachuun akka fakkeenyaatti fudhachuu danda’an taateetti.

Milkaa’inni damee qonnaa keessatti oomishtummaa qamadii guddisuu keessatti galmaa’e injifannoo Itiyoophiyaa kadhaa irraa gara of danda’uurra darbe biyyoota biroof kennuutti kan jijjiire ta’ee jira.

Hojiin xaa’oo biyyee oomishuuf eegalame injifannoo damee qonnaatiin galmaa’e daran kan cimsu dha.


 

Pirojektoonni akka "Maaddii Biyyaaf" fi "Maaddi Dhalootaaf” kanneen jedhaman jedhaman  bareedina uumamaa Itiyoophiyaa gara qabeenyaatti jijjiiraniiru.

Itiyoophiyaan amma Afrikaa keessatti wiirtuu saayinsii ta'aa jirti; Erga Inistiitiyuutiin Hubannoo Namtolchee (AI) hundeeffamee yeroo gabaabaa keessatti gara ijaarsa Yuunivarsiitii Hubannoo Namtolcheetti ceeteetti.

Bitootssa 24, 2010 irraa eegalee oduu gammachiisaan samii Itiyoophiyaa jalatti mul'ate kun komii lammiilee bara dheeraaf deebii kennee, ammas guddummaa Itiyoophiyaa dirree addunyaa irratti mul'iseera.

Tarkaanfiiwwan jijjiiramaa kunniin milkaa'ina misoomaa guddaa kaayyoo "Itiyoophiyaa hamma humna ishee guutummaatti mul'isuuf" hojjetamanii galma ga'aniidha.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015