Tamsaasa Kallatti:

Tajaajilli Giddugala iddoo tokkoo (Masoob) Tajaajila Baasii nuuf Hir'isee fi ifaajii nuuf hambise dha - Fayyadamtoota Tajaajila Giddugala iddoo tokkoo ( Masoob) Magaalaa Harar

Bitootessa 21/2018 (ENA): Fayyadamtoonni Tajaajila Giddugala iddoo Tokkoo Magaalaa Harar akka jedhanitti Tajaajilli Giddugala iddoo Tokkoo( Masoob) tajaajila baasii isaaniif hir’isee fi rakkina deeddeebii hambise ta’uu dubbatani. Kunis tajaajila akka barbaannutti akka argannu nu taasiseera jedhani.

Tajaajila Giddugala wiirtuu Tokkoo (Masoob) Magaalaa Harar keessatti kennamaa jiru ilaalchisee ENA’n fayyadamtoota, hojjettootaa fi hoggantoota dhimmi ilaallatu dubbiseera.

Maamiltoota tajaajila kana fayyadamaa jiru ENA’n dubbise keessaa dargaggeessi Girmaa Takilee tokko yoo ta’u, giddugalichatti tajaajila saffisaa fi qulqullina qabu akka argate dubbateera.

Giddugalichi baasii fi rakkina akka hir’ise eeruun, sirnoota ammayyaatiin kan hidhate ta’uu isaas isa gammachiise; akkasumas dhimmoota adda addaa wiirtuu tokko keessatti qulqullinaa fi saffisaan dhiyeessuu danda’uun aadaa hojii haaraa ta’uu eereera.

Tajaajilamatoota kan biraan obbo Wandiyyee Dassaalenyii fi obbo Mulugeetaa Taayyee gama isaaniin akka himanitti, Kenniinsa tajaajilaa wiirtuu tokkoo bakka tokkotti argamu ammayyaa ta’uu ibsaniiru.

Tajaajila gaariin wiirtuu tokkotti dhimmoota adda addaa xumuruu fi kanaan dura nama dhamaasu ture hafuun yeroo ammaa sirna ajaa’ibaa ta’uu kan himan fayyadamtoonni, sirna kana hojiirra oolchuuf mootummaa galateeffataniiru.

Hogganaan Tajaajila Giddugala wiirtuu Tokkoo Magaalaa Harar obbo Akiraam Mahaammad akka ibsanitti, yeroo ammaa giddugalichatti tajaajilli adda addaa 35 kennamaa jira jedhani.

Fayyadamtoonni hedduun haala kanaan tajaajilamaa akka jiran hubachiisuun; gara fuulduraatti lakkoofsi dhaabbilee fi gosoota tajaajilaa dabaluuf qophiin taasifamaa jira jedhan.


 

Tajaajilli Giddugala tokkoo(Masoob) Magaalaa Harar Sadaasa 2, 2018 eebbifamee tajaajilaaf banamuu isaa ni beekama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015