Godina Gaamootti sababa sigiga lafatiin lammiilee qe’ee isaanii irraa buqqa’aniif deeggarsi taasifame - ENA Afaan Oromoo
Godina Gaamootti sababa sigiga lafatiin lammiilee qe’ee isaanii irraa buqqa’aniif deeggarsi taasifame
Bitootessa 21/ 2018(ENA): Godina Gaamootti sababa sigiga lafatiin lammiilee qe’ee isaanii irraa buqqa’aniif deeggarsi maallaqaa fi meeshaalee kennameera.
Naannoo Kibba Itiyoophiyaa godina Gaamootti sababa sigiga lafaatiin lammiilee qe’ee isaanii irraa buqqa’aniif deeggarsi taasifamu itti fufeera.
Guyyaa har’aas qaamolee adda addaa irraa lammiilee balaaf saaxilamaniif deeggarsi qarshii miliyoona 25 olii fi meeshaalee kennameeraafi.
Keer Itiyoophiyaan(Care Ethipia) deeggarsa meeshaalee garagaraa uffata adda addaa, meeshaalee manaa, qarshii miliyoona 13 olii deeggarsa taasiseera.
Daariktarri kaantirii keer Itiyoophiyaa Dr. Maahee Tamee rakkoo mudateef gadduun jajjabina hawwaniiru.
Gama biraatiin, Baankiin Daldalaa Itiyoophiyaa Godina Gaamootti lammiilee sababa sigiga lafaan miidhamaniif deeggarsa birrii miiliyoona 10 kenneera.
Dameen baankichaa Sooddoo birrii miiliyoona 1, akkasuma Waldaan Hojjettoota Baankichaa birrii kuma 500, waligala birrii miiliyoona 11 fi kuma 500 bulchaa godina Gaamootti dabarsanii kennaniiru.
Daayrekterri Kominikeeshinii Baankii Daldalaa Itiyoophiyaa obbo Alsan Asaffaan balaa qaqqabetti gadduu ibsuun,yeroo rakkisaa akkanaa kana wal qabannee dabarsuu qabna jedhani.
Gama biraatiin, dhaabbanni Kuul Viitaa Itiyoophiyaa gama isaatiin qorqorroo manaa qarshii kuma 400tti tilmaamamu;mismaaraa fi ampuuliiwwan akkasumas dhaabbanni Biiroo Misoomaa fi Gamtaa mana amantaa Amaanu’eel Itiyoophiyaa walitti deeggarsa qarshii kuma 150 kennaniiru.
Bulchaan Godina Gaamoo Doktar Dammissee Admaasuun gama isaaniin, balaan erga mudatee eegalee lammiileen Itiyoophiyaa deeggarsa taasisaa jirachuu ibsuun,deeggarsa taasifamaa jiru maqaa uummata godinichaan galateeffataniiru.
Lammiilee qe’ee isaanii irraa buqqa’aniif deeggarsa kennuun olittis itti fufinsaan isaan hundeessuun hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.