Waggoota darban keessatti dameewwan hundaan milkaa’inni baay’een galmaa’an egereen Itiyoophiyaa ifa ta’uusheef agarsiiftuu dha - ENA Afaan Oromoo
Waggoota darban keessatti dameewwan hundaan milkaa’inni baay’een galmaa’an egereen Itiyoophiyaa ifa ta’uusheef agarsiiftuu dha
Bitootessa 21/2018 (ENA): Waggoota darban keessatti dameewwan hundaan milkaa’inni baay’een galmaa’an egereen Itiyoophiyaa ifa ta’uusheef agarsiiftuu ta’uu Miseensi Koree Hojii Raawwachiiftuu fi walitti qabaan Kilaastara Diinagdee Paartii Badhaadhinaa obbo Malaakuu Alleebal.
Miseensa Koree Hojii Raawwachiiftuu fi walitti qabaan Kilaastara Diinagdee Paartii Badhaadhinaa obbo Malaakuu Alleebal wayita sana akka himanitti,kaayyoon waltajjii kanaa inni guddaan miseensonni filannoo waliigalaa 7ffaa irratti dammaqinaan hirmaachuu fi gumaacha isaan irraa eegamu akka bahan taasisuu dha jedhani.
Filannoon kun bilisa, amanamaa, nagaa fi haqa qabeessa akka ta’u gochuu keessatti gaheen dubartootaa fi dargaggootaa ol’aanaa ta’uu hubachiisuun, kunis mootummaa amanamaa ijaaruu keessatti gahee addaa qaba jedhan.
Waggoota jijjiiramaa darban keessatti fayyadamummaa dubartootaa fi dargaggoota mirkaneessuuf hojiin guddaan hojjetamuu ibsaniiru.
Fakkeenyaaf, dubartoonni dhaabicha keessatti dammaqinaan hirmaachuu, sadarkaa hoggansaatti guddachuu, magaalaa fi baadiyyaatti dinagdeen bu’aa akka argatanii fi hirmaannaa akka taasisan beeksisaniiru.
Kana jechuun ga’een dargaggoota siyaasaa fi hoggansa keessatti qaban dabalaa dhufeera, carraa hojii uumuu fi Sochii Ummata Itiyoophiyaa fi dameewwan biroo keessatti hirmaannaan isaanii guddachuu danda’eera jedhani.
Paartiin Badhaadhinaa waggoota shanan darban keessatti waadaa ummataaf gale guutummaatti raawwachuun filannoo itti aanuuf qabeenya guddaa akka ta’u hubachiisaniiru.
Bu’aan waggoota darban keessa diinagdee, siyaasaa fi dameelee birootiin argame agarsiiftuun egeree ifa ta’uu ibsaniiru.
Miseensa Koree Hojii Raawwachiiftuu Paartii Badhaadhinaa fi Qindeessituun Damee Siyaasaa Kilaastarichaa kan ta'an aadde Caaltuu Saanii paartichi gaaffii bu'uuraa lammiilee deebisuuf hojii bu'a qabeessa ta'e hojjeteera jedhan.
Dhaabbileen gaaffii dimokiraasii deebisuu danda’an ijaaramuu fi sirna dimokiraasii dhugaa ijaaruuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu mirkaneessaniiru.
Filannoon waliigalaa 7ffaan hundaaf dirree walqixaa akka mirkaneessu ibsuun, filannoon kun ijaarsa naannoo fudhatama qabu dhugoomsuuf kan gargaaru ta’uu hubachiisaniiru.
Milkaa’ina adeemsichaas ta’e galmichaa mirkaneessuuf xiyyeeffannaan guddaan kennamaa jira jedhan.
Waggoota darban damee diinagdee fi siyaasaatiin bu’aan argame badhaadhinaaf egeree ifa kan taasisu ta’uu hubachiisaniiru.