Tamsaasa Kallatti:

Dandeettii Miseensota hoggansa hojii uumtotaa (interpiriinarshiippii) guddisuun kalaqaa fi jijjiiramaaf bu'uura dha - Itti Aantuu Afyaa'ii Loomii Badhoo

Bitootessa 21/2018 (ENA): Itti Aantuun Af-yaa’ii Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa aadde Loomii Badhoo akka himanitti, dandeettii Miseensota hoggansa hojii uumtotaa guddisuun kalaqaa fi jijjiiramaaf bu'uura dha jedhani.

Ministeerri Hojjetaa fi Ogummaa, Inistiitiyuutii Misooma interpiriinarshiippii waliin ta’uun, mata duree “Hoggansaa fi Qophii bara dhufuu“ jedhuun miseensota mana maree bakka bu’oota ummatootaaf leenjii ijaarsa dandeettii kennuu eegaleera.


 

Leenjiin kun miseensonni hoggansa yaada hojii uumtotaa hojii isaanii akka hooggananii fi naannoo hojii jijjiiramaa jiruuf akka qophaa’an gargaaruuf kan qophaa’e ta’uun isaa himameera.

Itti Aantuun Af-yaa’ii Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa aadde Loomii Badhoo leenjiin kun miseensonni mana marichaa muuxannoo hoggansa ummataa bal’aa qaban irraa fayyadamuun haalawwan biyyaalessaa fi idil-addunyaa bilchinaa fi kalaqa guddaadhaan akka bocaniif kan gargaaruudha jedhan.

Beekumsi fi muuxannoon miseensotaa hojii bu’a qabeessa ta’e akka hojjetan kan isaan gargaaru ta’uu hubachiisaniiru.

Kunis rakkoolee uumaman karaa kalaqaan, saffisaa fi miira abbummaatiin hiikuu fi dameewwan tajaajilaa haaraa uumuuf kan isaan dandeessisu ta’uu ibsaniiru.


 

Ministirri Hojjetaa fi Ogummaa aadde Mufariyaat Kamiil gama isaaniitiin jijjiirama ariifataa yeroo kanaa dandamachuuf naamusni hojii hoggansa haaromfamuu akka qabu dubbataniiru.

Miseensonni hooggansaas dandeettii furmaata rakkoolee bifa haaraa fi kalaqaan bocuu, carraa haaraa adda baasuu, adeemsa hojii keessatti saffisiisuu fi uumuu akka qaban ibsaniiru.

Kanaafuu, leenjiin kun miseensota mana marichaa biratti dandeettii hoggansa tarsiimoo guddisuu qofa osoo hin taane, sirna hojii qindaa’e kan galmoota misooma biyyaalessaa bu’a qabeessa ta’een galmaan ga’uuf gargaaru kan ijaaru ta’uu ibsaniiru.

Sagantaa jalqabsiisaa kanarratti Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataa keessatti Bakka Bu'aan Olaanaa Mootummaa, Ministir Dr. Tasfaayee Baljigee , miseensonni mana marichaa fi hoggantoonni olaanoo Ministeerichaa argamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015