Itiyoophiyaan Yaa’ii 11ffaa dhaabbilee haggantoota biyyoota Afrikaa, Kaaribiyaanii fi Paasifikii irratti dammaqinaan hirmaatteetti - Ambaasaaddar Isheetee Xilahuun - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaan Yaa’ii 11ffaa dhaabbilee haggantoota biyyoota Afrikaa, Kaaribiyaanii fi Paasifikii irratti dammaqinaan hirmaatteetti - Ambaasaaddar Isheetee Xilahuun
Bitootessa 21/2018 (ENA): Itiyoophiyaan Yaa’ii 11ffaa dhaabbilee haggantoota biyyoota Afrikaa, Kaaribiyaanii fi Paasifikii irratti dammaqinaan hirmaachuu ishee biyyoota Beenluuksittii fi dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti argamaa addaa FDRI, ambaasaaddar Isheetee Xilahuun ibsani.
Yaa'iin 11ffaan dhaabbile hoggantoota biyyoota Afrikaa, Kaaribiyaanii fi Paasifik mata duree "kan jijjiiramee fi haarome Yaa'ii dhaabbilee hoggantoota biyyoota Afrikaa, Kaaribiyaanii fi Paasifik Addunyaa Qormaanni itti hedduummate " mata duree jedhuun Bitootessa 19 fi 20, 2018 Ikuwaatooriyaal Giinii Maalabootti gaggeeffameera.
Konfiraansii kana irratti argamuun haasaa kan taasisan pireezdaanti Taayyee Asqasillaaseen, dhaabbatichi dinagdee fi siyaasa addunyaa jijjiiramaa jiru keessatti dantaa biyyoota miseensa isaa eegu jaarmiyaa cimaa ta’ee itti fufuu akka qabu cimsanii dubbataniiru.
Ambaassaaddar Isheetuun yaada piresidaanti kennan yaada ijaarsaa fi biyyoota miseensaa sana fayyadu ta’uu himaniiru.
Biyyi kamuu qophaa ishee dhaabbachuu hin dandeessu kan jedhan ambaassaaddarri kuni, dantaa biyyaalessaa biyya keenyaa fayyaduu kan danda’urratti biyyoota biroo waliin hojjechuun barbaachisaa dha jedhani.