Hojiin dhaabbilee utubaa ijaarsa mootummaa ta'an ijaaruu fi gurmeessuu kutannoo addaatiin raawwatameera - Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa - ENA Afaan Oromoo
Hojiin dhaabbilee utubaa ijaarsa mootummaa ta'an ijaaruu fi gurmeessuu kutannoo addaatiin raawwatameera - Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa
Bitootessa 21/2018 (ENA): Hojiin dhaabbilee utubaa ijaarsa mootummaa ta’an ijaaruu fi gurmeessuu kutannoo addaatiin raawwatamuusaa Tajaajilli Komunikeeshinii Mootummaa beeksise.
Tajaajilli Komunikeeshinii Mootummaa Rippabiliika Dimokiraatawaa Federaalawaa Itiyoophiyaa (FDRE) ibsa mata duree Jijjiirama Siyaasaa hunda hirmaachisaa Bu'uura Biyyoolessaa Cimaaf jedhu baaseera.
Barreeffamni guutuun Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa akka armaan gadiitti dhiyaateera:
Jijjiirama Siyaasaa hirmaachisaa Bu'uura Biyyaalessaa Cimaaf
Mootummaan Rippabiliika Dimookiraatawaa Federaalawaa Itiyoophiyaa biyyi keenya rakkoo siyaasaa hundee gadi fageeffate keessa turte irraa gara sirna dimokiraatawaa guutuutti ceesisuuf galmoota tarsiimoo kaa’e ciminaa fi milkaa’ina guddaadhaan hojiirra oolcheera.
Ce’umsi seena qabeessi kuni milkaa’inni inni guddaan seeneffama siyaasaa namoota adda qoodu ture jaarraa hedduuf Itiyoophiyaa rakkisee ture cabsuun tokkummaa biyyaalessaa lammiin kamuu fi naannoon hundi aangoo fi qabeenya wal qixa horachuu danda'u ijaaruudha.
Jijjiiramni kun injifannoo bu’uuraa Itiyoophiyaan qe’ee namoota muraasaa osoo hin taane kan hunda keenyaa ta’uu qabatamaan mirkaneesseedha.
Injifannoowwan ijaarsa seeneffama waloo kan nagaa waaraa fi birmadummaa sabaa mirkaneessuuf dhaloota gidduutti riqicha ta’ee tajaajilu keessatti galmaa’an bu’aa siyaasaa guddaa mootummaa ce’umsaa ti.
Seenaawwan ala ta’an jaarraa hedduuf waldhabdee keessatti wal-xaxaa turan diigamanii, bakka isaaniitti seeneffama waloo seenaa fi hambaa hunda keenyaa yaadatu qabatamaan guddateera.
Haala kanaan Yaadannoo Injifannoo Adwaa, Hidhi Haaromsaa Guddichii fi bakkeewwan turizimii gurguddoon Sagantaa Maaddii Shaggar,Maaddii Biyyaa fi Maaddiin Dhaloota irratti ijaaraman boonsaa sabaa waliin qabnu guddiseera.
Godaannisa darbe yaaluun fayyisuu; adda addummaa miidhaginaan hammachuudhaan Waltajjii Marii Biyyaalessaa itti fufee jir; suuta suutaan Mariin biyyaalessaa shakkii fi qoqqoodinsa jiru gara 'obbolummaa fi badhaadhina waloo' mirkanaa'etti akka ceesisuuf hojiin hojjetamaa jira.
Hojiin dhaabbilee utubaa ijaarsa mootummaa ta’an ijaaruu fi gurmeessuu kutannoo addaatiin hojjetamaa tureera.
Keessattuu haaromsi dhaabbilee nageenyaa, haqaa fi dimokiraasii ummataa fi seera qofaaf akka bitaman taasifame jijjiirama qabatamaa bu’uuraa fideera.
Haaluma kanaan dhaabbileen dimokiraatawaa kanneen akka Boordii Filannoo fi Komishiniin Mirga Namoomaa hoggansa walabaa jalatti hundeeffamuun, dhaabbileen ittisaa fi nageenyaa aangoo biyyaalessaa isaaniitiin ala gidduu seenummaa siyaasaa kamirraayyuu bilisoomsuun, sirna haqaa walaba ta’ee akka hojjetu diriirsuun fakkeenyota haaromsa dhaabbilee keenyaati.
Jijjiiramni siyaasaa bu’uurraa jijjiirame kuni, tasgabbii keessoo fi waliigaltee biyyaalessaa irratti hundaa’e Itiyoophiyaan balaa jiraachuu ishee mudate akka mo’attu taasiseera.
Bilchina siyaasaa fi cimina hooggansaatiin dandeettii birmadummaa keenya kabachiisuuf qabnu guddifachuun dandeettii imaammata mootummaan raawwachuu agarsiisuu qofa osoo hin taane, biyyattii sadarkaa guddinaa fooyya’aa ta’etti ceesiseera.
Injifannoowwan siyaasaa kunniin bu’aa kallattiin nagaa walqabataa keessoo keessatti argame, bal’ina iddoo siyaasaa fi dhaabbilee cimsuu irraa kan ka’e yoo ta’u, imala biyyi keenya gara badhaadhinaatti taasiftuuf bu’uura kaa’aa jiru.
Walumaagalatti, guddinni siyaasaa kunniinii fi bu’aan dadhabbii kunniin Itiyoophiyaa gara muuxannoo dimokiraasii haaraa fi fooyya’aa ta’etti ceesiseera.
Guddinni hirmaannaa paartilee morkattootaa, fudhatamummaa mootummaan uummata biratti qabu guddachaa dhufuu isaaf agarsiiftuu waan ta’eef, kuni immoo milkaa’ina tattaaffii haaromsaa imala keenya gara badhaadhinaatti taasifnuuf wabii amanamaa dha.
Mootummaan daandii dimokiraasii fi badhaadhina kana cimsee itti fufuun itti gaafatamummaa seena qabeessa Itiyoophiyaa badhaatuu fi birmadummaan ishee kabajame kan dhaloota dhufuuf mijatu ijaaruu itti fufa.
Bitootessa 21/2018 Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Rippabiliika Dimookiraatawaa Federaalaa Itiyoophiyaa.