Yaa’insi bishaanii Jallisii Naannoo Affaar, Naannolee hanqina roobaa qabaniif Sanada Barnootaa Guddaadha - Itti aanaa Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa - ENA Afaan Oromoo
Yaa’insi bishaanii Jallisii Naannoo Affaar, Naannolee hanqina roobaa qabaniif Sanada Barnootaa Guddaadha - Itti aanaa Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa
Bitootessa 21/2018 (ENA): Itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa akka jedhanitti, Bishaan Jallisii Naannoo Affaar naannoowwan hanqina roobaa qabaniif sanada barumsaa guddaa ta’uu ibsaniiru.
Itti aanaan Ministira Muummee ergaa fuula miidiyaa hawaasaa isaanii irratti dabarsaniin, Omishni suufii yaa’insa laga Awaashitti karaa jallisiitiin misoomsamaa jiru mul’ata keenya ce’umsa qonnaa fi mul’ata cehumsa baadiyaa keenyaaf qabeenya dabalataati jechuun ibsaniiru.
Omishni suufii naannichaa aanaa Dubtii keessatti akka daraaraa keelloo abdii namatti horu; akkuma oomisha walitti qabamee fakkeenya badhaadhina qabatamaati jedhani.
Kana malees lafa gammoojjii fakkaatu gara lafa omishaa jallisiitiin jijjiiruun Naannoo Affaaritti ciminaan arginee warroota biroof, keessumaa naannoo waggaa waggaadhaan roobni xiqqaan itti roobutti, barumsa guddaadha jedhani.