Tamsaasa Kallatti:

Naannoo Oromiyaatti dambii lammiilee abbaa manaa taasisuu fi pilaanii magaalaa eegsisuuf gargaaru hojiirra ooluu  eegale

Bitootessa 20/2018(ENA)-Naannoo Oromiyaatti dambii lammiilee abbaa manaa taasisuu, Pilaanii Magaalaa eegsisuu fi madaala magaalummaa mirkaneessuuf gargaaru hojiirra ooluu jalqabuun ibsamera.

Dambii manneen magaalaa seeraan alaa seera qabeessa taasisuuf Kaabinee Naannichaan ragga’e bu’uura godhachuun, Biiroon Lafaa fi Abbaan Alangaa Waliigalaa naannichaa ibsa kennaniiru.

Hooggantuun Biiroo Lafaa Naannoo Oromiyaa Aaddee Masarat Asaffaa  akka jedhanitti; akka naannootti lafa karaa ammayyaa ta'een bulchuuf karoora itti fayyadama lafaa hojiirra oolchuu fi sirna kaadaastaraa gara hojiitti galchuun danda'amuu ibsaniiru.

Haa ta'u malee, Sirna Bulchiinsa Lafaa ammayyaa haala barbaadamuun hojiirra oolchuuf ijaarsi Manneen Jireenyaa Seeraan alaa magaalota keessatti babal’ate gufuu uumuunsaa kaafameera.

Rakkoo kana bu’uuraan furuuf, keessattuu magaalota rakkoon kun itti hammaate qorannoon adda baasuun, manneen jireenyaa seeraan alaa seera qabeessa taasisuuf dambiin kaabinee naannichaan ragga’uusaa hubachiisaniiru.

Dambichi Magaalota Naannichaa keessatti lammiilee abbaa manaa taasisuu, pilaanii magaalaa eegsisuu fi madaala magaalummaa mirkaneessuuf gumaacha guddaa akka qabu ibsaniiru.

Gama biroon Magaalonni Shegger, Adaamaa fi Bishooftuu sirna Bulchiinsa Lafaa ammayyaa dursee hojiirra oolchuu waan danda'aniif, dambiin kun magaalota kanneen irratti kan hin raawwatamne ta’uu mirkaneessaniiru.

Magaalonni kun Sirna Kaadaastaraa ammayyaa xumuraa waan jiraniif, tajaajila lafaa karaa dijitaalaa kennaa akka jiran ibsameera.

Kunis Magaalonni kun guddina ariifataa keessa akka jiraatan gochuu bira darbee, dandeettii galii sassaabbachuusaanii guddisuun ijaarsa bu’uuraalee misoomaa ariifachiisuuf akka gargaare ibsaniiru.

   Hoogganaan Abbaa Alangaa Waliigalaa Naannoo Oromiyaa, Obbo Guyyoo Waariyoo, gama isaaniitiin dambiin kun yeroo bara 2005 hanga Bitootessa 10, 2018 jiru qofa kan hammatu ta’uu hubachiisaniiru.

Dabalataanis,Pilaanii Magaalaa  haala kamiyyuun kan hin sarbamne ta'uu fi dambiin kun waggaa lama qofaaf kan turu ta'uu ibsaniiru.

Dambichi haala iftoomina fi ittigaafatamummaa qabuun kan qophaa'e ta'uun ibsameera.

Namni dambii kanaan fayyadamuu barbaadu magaalaa tokko keessatti ijaarsa seeraan alaa tokko qofa kan qabu ta'uu qaba jedhameera.

Bal'inni lafaa kennamu ulaagaa gadi aanaa magaalichi jireenyaaf ta'u jedhee kaa'e irratti hundaa'een ta’uun ibsameera.

 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015