Festivaalichi Tokkummaan Sab-daneessummaa kan itti cimuu fi waloominni kan itti Calaqqisiisudha - ENA Afaan Oromoo
Festivaalichi Tokkummaan Sab-daneessummaa kan itti cimuu fi waloominni kan itti Calaqqisiisudha
Bitootessa 20/2018(ENA)- Festivaalli Ispoortiiwwan aadaa tokkummaan sabdaneessummaa kan itti jabaatuu fi duudhaan waliin jireenya sabootaa, sablammootaa fi ummattootaa kanitti calaqqisu ta’uu Pireezidantiin Naannoo Hararii Obbo Ordiin Badrii ibsan.
Dorgommiin Isportii Aadaa biyyaalessaa 23ffaanii fi Festivaliin Isportii Aadaa 19ffaan mata-duree duree "Misoomni Ispoortii aadaa ol-ka'iinsa Itiyoophiyaatiif" jedhuun Magaalaa Hararitti jalqabeera.
Pireezidantichi wayita sana akka jedhanitti; eegumsii fi mirkanaa’uun tokkummaa Sab-daneessummaa akkasumas waliin jireenyaa, Isportiiwwan aadaa guddisanii agarsiisuuf iddoo guddaa qaba jedhaniiru. Motummaan gama kanaan isportiin kun akka guddatu xiyyeeffannoo addaa kennuusaas dubbataniiru.
Deetaa Ministira Damee Misooma Isportii Obbo Makiyyuu Mohammad gamasaanitiin; Mootummaan Isportii Aadaa walitti hidhaminsa naannawaa fiduuf,obbolummaa fi waliin jireenya cimsuuf itti fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru.
Itiyoophiyaan Festivalii Isportii Aadaa Afrikaa kan bara 2026 qopheessuuf carraa argachuu ishee yaadachiisaniiru.
Carraa kanatti fayyadamuun ispoortiiwwan aadaa keenya obboloota keenya Afrikaatiif beeksisuuf hojjetamaa jiru jedhaniiru.
Biyyaatti keessatti Isportiiwwan fi taphoota aadaa galmaa'an 293 ol qorannoon adda baafamuu mirkaneessaniiru.
Haata’u malee dambii fi seera taphaa dhiyaatee dorgommiidhaaf kan gahan gosa isportii 11 qofa akka hin caalle eeranii; fuulduratti kana babal’isuuf akka hojjetamu hubachiisaniiru.
Prezidaantiin Mana Maree Federeeshinii Isportii Aadaa Itiyoophiyaa Aadde Hayiwaat Mohammad gamasaaniitiin, ispoortiin aadaa walitti hidhamiinsa ummataa haala fulla’aa ta’een cimsuu keessatti gahee olaanaa qaba jedhaniiru.
Magaalaa Hararitti kan jalqabame dorgommii fi Festivaliin Isportii aadaa kun guyyoota 8f kan turu yoo ta’u, guutuu biyyattiirraa ispoortessitoonni kuma tokkoo fi 500 ol ni hirmaatu jedhameera.