Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Lixaatti qophiin biqiltuuwwan ganna dhufu dhaabamaniii bal'inaan gaggeeffamaa jira. - ENA Afaan Oromoo
Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Lixaatti qophiin biqiltuuwwan ganna dhufu dhaabamaniii bal'inaan gaggeeffamaa jira.
Bitootessa 20/2018(ENA)- Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Lixaatti qophiin biqiltuuwwan ganna dhufu dhaabamaniii bal'inaan gaggeeffamaa jiraachuu Waajjirri Qonnaa Godinichaa beeksiseera.
Waajjirichatti Ogeessi misooma bosonaa Obbo Guddataa Xuurii ENA’f akka ibsanitti, biqiltuuwwan qophaa’aa jiran keessaa soorataaf kan oolanii fi sanyiiwwan fuduraa akka keessatti argaman dubbataniiru.
Baatiiwwan gannaa keessatti walumaagala lafa hektaara kuma 94 ol irratti sagantaan dhaabbii biqiltuu akka gaggeeffamu ibsuun; hojiin biqiltuu biqilchuu Aanaalee Godinichaa hunda keessatti kutaalee hawaasaa garaagaraa hirmaachiseen hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Qophiin kun fayyadamummaa qonnaan bulaa itti fufinsa qabu mirkaneessuuf akka danda’uuf sanyiiwwan biqiltuu oomishtummaan isaanii ol’aanaa ta’ee fi fooyya’an irratti xiyyeeffannoo gochuusaanii eeraniiru.
Sagantaalee 'Ashaaraa Magariisaa' waggoottan darbanitti raawwatamaniin bu’aawwan jajjabeessaan galmeeffamuu isaanii ibsuun, biqiltuuwwan dhaabaman kunuunsuu fi eeguurrattis xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu dabalanii ibsaniiru.
Biqiltuuwwan dhaabaman naannoo (ecosystem) jijjiiruu keessatti gahee ol'aanaa taphachuu bira darbee, harawwan goganii turan deebi'anii bishaan akka qabatan gochuun qonnaan bulaaf haala mijeessuusaanii dubbataniiru.
Waggoottan torban darban walii gala lafa hektaara kuma 616 fi 613 irratti biqiltuuwwan dhaabamuusaanii yaadachiisuun; hawaasni naannichaa aadaa bosona eeguu qabuun milkaa’ina misooma magariisaatiif gumaacha guddaa gochaa jiraachuu ibsaniiru.