Tamsaasa Kallatti:

Dorgaommiin Ispoortii Aadaa fi Feestivaalli Ispoortii Aadaa Sadarkaa Biyyaalessaa har'a Magaalaa Harariitti ni jalqabama

Bitootessa 20/2018(ENA)- Dorgommiin Ispoortii Aadaa biyyaalessaa 23ffaan fi Feestivaalli Ispoortii Aadaa 19ffaan har'aa eegalee Magaalaa Hararitti ni gaggeeffama.

Federeeshiniin Ispoortii Aadaa Itiyoophiyaa fi Ministeerri Aadaa fi Ispoortii qophicha( taatee kana)  waliin ta'uun qopheessaniiru.

Dorgommiinii fi Feestivaalli kun mata-duree "Misoomni Ispoortii aadaa ol-ka'iinsa Itiyoophiyaatiif" jedhuun kan gaggeeffamudha.

Dorgommii gosoota Ispoortii 11n gaggeeffamu kanarratti Naannolee fi Bulchiinsa Magaalota hundaarraa Isportessitoonni kuma tokkoo fi 500 ol ni hirmaatu jechuun  Ministeerri Aadaa fi Ispoortii beeksiseera.

Dorgommii fi Feestivaala kanarratti keessummoonni kabajaa Konfedereeshinii Ispoortii fi Taphoota Aadaa Afrikaa irraa affeeraman ni argamu.

Sagantichi tokkummaa, garaagarummaa fi waliin jireenya Sab-daneessummaa Itiyoophiyaa kan calaqqisiisudha.

Feestivaalichi Hawaasa Ispoortii Aadaa irratti hirmaachisuu fi fayyadamaa taasisuun alatti, Ispoortii Aadaa Hawaasummaa taasisuu dandeessisuuf  kaayyoo akka qabu ragaan Ministeerichaa ni  mul’isa.

Mootummaan xiyyeeffannoo addaa Misooma Ispoortiitiif kenneen, Imaammata Ispoortii haaraatiin Ispoortiiwwan Aadaa misoomsuuf hojjechaa akka jirus ibsameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015