Tamsaasa Kallatti:

Magaalaa Shaggaritti sirna bulchiinsa magaalaa ammayyaa hojiirra oolchuun gaaffii misoomaa jiraattotaa deebisuuf xiyyeeffannoon taasifameera

Bitootessa 19/2018(ENA)- Magaalaa Shaggaritti sirna bulchiinsa magaalaa ammayyaa hojiirra oolchuun gaaffii misoomaa jiraattotaa deebisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa akka jiru kantiibaan bulchiinsa magaalaa Shaggar doktar Tashoomaa Addunyaa ibsan.

Woorkishooppiin magaalichatti haala jireenya bu’uraa qonnaan bultootaa fooyyessu irratti xiyyeeffate qooda fudhattoonni garagaraa bakka argamanitti gaggeeffameera.

Kantiibaa Doktar Tashoomaa Addunyaa waltajjicharratti akka ibsanitti, waggoota sadan darban qorannoorratti hundaa’uudhaan magaalaa Shaggar guddisuu fi ammayyeessuuf hojiileen garagaraa hojjetamaa turaniiru.

Magaalaan Shaggar erga hundeeffamee pilaanii ammayyaa dabalatee magaalattii ammayyeessuuf hojiin hojjetaman milkaa’aa dhufuu ibsaniiru.

Keessumaa haala jireenya qonnaan bulaa magaalichaa gama fooyyeessuutiin woorkishooppiin kun murteessaa ta’uu eeranii, misooma jiru odeeffannoo qabatamaatiin ammayyeessuu fi jijjiirama argame itti fufsiisuuf faayidaa olaanaa akka qabu dubbataniiru.

Walumaa gala sirna bulchiinsa magaalaa ammayyaa hojiirra oolchuun gaaffii misoomaa jiraattotaa deebisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Hogganaan biiroo pilaanii fi misoomaa bulchiinsa magaalaa Shaggar Ahimad Toofiiq gamasaaniin, bulchiinsi magaalichaa qonnaan bultoota bu’uureffachuun የyaadama haaraan kan hundeeffame ta’uu dubbataniiru.

Jireenya qonnaan bulaa jijjiiruu fi faayidaa argatu guddisuuf qorannoon taasifamaa akka jiru eeraniiru.

Magaalichaa fi qonnaan bulaa walitti fiduudhaan cabiinsa walitti hidhamiinsa hawaasummaa fi dinagdee suphuuf hojjetamaa jiraachuu eeranii, qonnaan bulaan qonnarraa gara Industirii, horsiisa loonii, daldalaa fi tajaajilaatti ceesisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhaniiru.

Woorkishooppicharratti waraqaa qorannoo kan dhiheessan Yunivarsiitii Finfinneetti qorataan dame wabii nyaataa Maskaram Abbii, magaalummaan guddina dinagdee si’achiisuun qooda olaanaa akka qabu ibsaniiru.

Bu’uraalee misoomaa kanneen akka barnootaa fi fayyaa babal’isuu, wabii nyaataa mirkaneesuuf oomisshaa fi oomishtummaa dabaluu fi aadaa qusannoo guddisuurratti xiyyeeffannoon hojjetamuu akka qabu hubachiisaniiru.

Fayyadama qonnaan bulaa fi guddina magaalattii wal madaalchisuun tarkaanfachiisuun murteessaa ta’uu yaada dhiheessaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015