Margi dheedichaa loonii laga Awaashitti gargaaramuun naannoo Affaaritti jallisiidhaan misoome, kennaa uumamaa sirnaan fayyadamuu keenya agarsiisa – Itti aanaa ministira muummee Tamasgeen Xurunaa - ENA Afaan Oromoo
Margi dheedichaa loonii laga Awaashitti gargaaramuun naannoo Affaaritti jallisiidhaan misoome, kennaa uumamaa sirnaan fayyadamuu keenya agarsiisa – Itti aanaa ministira muummee Tamasgeen Xurunaa
Bitootessa 19/2018(ENA) - Margi dheedichaa loonii laga Awaashitti gargaaramuun naannoo Affaaritti jallisiidhaan misoome, kennaa uumamaa sirnaan fayyadamuu keenya agarsiisa jedhan itti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa.
Qonna margaa fi nyaata loonii naannoo Affaar Zoonii tokko, aanaa Asaayittaatti laga Awaashitti fayyadamuun misoome daawwanneerra jedhan itti aanaan ministira muummee ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniirratti barreessaniin.
Marga nyaata loonii aanicha lafa heektaara kuma 2 fi 540 irratti misoomaa jiru oomishuudhaan, qiqindeessuunii fi gabaa biyya keessaa fi biyya alaaf dhiheessuuf hojjetamaa jira jedhaniiru.
Akaakuun margaa oomishtummaa beellada aannaniif guddaa barbaachisan oomishamaa jiraachuu argineerra jedhan.
Jallisii Misoomaa fi qiqindeesuu margaatiin namoota kuma 1’f carraan hojii uumameeraaf jechuun dabalanii ibsaniiru.
Misooma qabeenya beelladaa guddisuun gamatti inisheetiivii biyyaalessaa maaddii guutuuf gumaacha olaanaa taasisaa jira jedhan itti aanaan ministira muummee ergaa dabarsaniin.
Hojiin kun biyyattii bakkeewwan garagaraatti rooba qofa eeguun oomishuun gamatti lagatti fayyadamuun oomishuun akka barbaachisu kan barsiisudha jedhan.