Kantiibaa Adaanech Abeebee gaaffilee abbootii amantaarraa kaafaman irratti hoggantoota waliin mari’atan - ENA Afaan Oromoo
Kantiibaa Adaanech Abeebee gaaffilee abbootii amantaarraa kaafaman irratti hoggantoota waliin mari’atan
Bitootessa 19/2018 (ENA)- Kantiibaan magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee gaaffilee abbootii amantaarraa kaafaman irratti hoggantoota waliin har’a mari’ataniiru.
Kantiibaa Adaanech Abeebee hoggantoota jiddugaleessarraa amma aanaatti jiran waliin marii gaggeeffameen iftoomina uumuun akka danda’ame ergaa fuula miidiyaa hawaasummaasaa isaaniirratti barreessaniin ibsaniiru.
Haala Kanaan mariilee dhaabbilee amantaa waliin taasifamaniin gaaffilee fi komii kaafamaniif bulchiinsi magaalichaa kana raawwachiisuuf karoora qopheesserratti waliigalteerra gahamuu dubbataniiru.
Karoora kana raawwachiisuuf hojiitti galamuu fi raawwiinsaan akka hordofamu hubachiisaniiru.