Tamsaasa Kallatti:

Hundeessitootaa fi abbootii dhaabbata Invastimantii Fiinteek miidhaa birrii biiliyoona 1.7 lammiileerraan gahan irratti qorannoon xumuramee himanni banamuusaa poolisiin federaalaa Itiyoophiyaa beeksise

Bitootessa 19/2018(ENA)- Hundeessitootaa fi abbootii dhaabbata Invastimantii Fiinteek miidhaa birrii biiliyoona 1.7 lammiileerraan gahan irratti qorannoo qulqulleessee abbaa alangaaf erguun himanni kan irratti baname ta’uu poolisiin federaalaa Itiyoophiyaa beeksise.

Shakkamtoonni hundeessitootaa fi abbootii dhaabbata dhuunfaa Fiinteek Daani’eel Yohaannis Iyyasuus fi Girmaayi G/Mikaa’el Yihidagoo jedhaman beekamtootaa fi dhiibbaa uumuu kan danda’anitti fayyadamuun lammiilee kuma 1 fi 200 caalan waliin dhahuun birrii biiliyoona 1  tuqaa 7 qaqqabsiisuusaaniin himanni irratti banameera.

Poolisiin federaalaa Itiyoophiyaa ibsa ENA’f ergeen shakkamtoonni yakkoota garagaraa 19niin qorannoo qulqulleessee abbaa alangaaf erguun himanni irratti banameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015