Yuunivarsiitiin Bahirdaar humna namaa beekumsaa fi dandeettiin gahoome oomishuun gumaacha olaanaa taasisaa jira - ENA Afaan Oromoo
Yuunivarsiitiin Bahirdaar humna namaa beekumsaa fi dandeettiin gahoome oomishuun gumaacha olaanaa taasisaa jira
Bitootessa 19/2018 (ENA): Yuunivarsiitiin Bahirdaar humna namaa beekumsaa fi dandeettiin gahoome omishuun gumaacha olaanaa taasisaa jira jedhan Hogganaan Biiroo Fayyaa Naannoo Amaaraa Abdulkariim Mangistuu.
Yuunivarsiitichi Kolleejjii Fayyaa fi Saayinsii Fayyaa guyyaa har’aa leenjifamtoota gosoota fayyaa adda addaatiin barsiisaa ture 255 eebbisiiseera.
Akka Itti Gaafatamaan Biiroo Fayyaa Naannichaa obbo Abdulkariim Mangistuu sirna eebbaa kanarratti akka ibsanitti mootummaan damee fayyaatiif xiyyeeffannoo addaa kennaa jira jedhani.
Dhaabbileen barnoota olaanoo humna namaa barate, qorannoo fi cehumsa teeknooloojii oomishuuf deeggarsa taasisaa jiran sirna fayyaa fooyyessaa jiraachuu ibsaniiru.
Akkasumas barattoonni eebbifaman hojii garee, beekumsaa fi dandeettii yeroo barnoota isaanii horatanitti fayyadamuun dameewwan itti bobba’an keessatti fakkeenya ta’uu akka qaban yaadachiisaniiru.
Imaammata fayyaa dhibee ittisuu fi wal’aananii yaaluu irratti hundaa’ee biyyattii keessatti hojiirra oole milkeessuuf eebbifamtoonni waan isaan irraa eegamu bahachuu akka qabanis eeraniiru.
Pireezdaantiin Yuunivarsiitii Baahirdaar Dr. Mangashaa Ayyanaa akka jedhanitti; Yuunivarsitichi ergama isaa bahachuu, barsiisuu, qorannoo fi tajaajila hawaasaa bahaa jira.
Barattoota har’a eebbifaman 255 keessaa 99 dubartoota ta’uu fi barnoota digrii jalqabaa, ispeeshaalistii fi digrii lammaffaa hordofaa akka turan ibsaniiru.
Eebbifamtoonni qormaata adda addaa irra aanuun bu’aa galmeessisuun akka danda’amu qabatamaan kan mirkaneessan mallattoo ciminaa ta’uu ibsaniiru.