Tamsaasa Kallatti:

Eebbifamtoonni beekumsa yeroo yunivarsiiticha keessa turan keessatti horataniin biyya isaanii fi hawaasa isaanii tajaajiluun irraa eegama

Bitootessa 19/2018 (ENA): Barattoonni eebbifaman beekumsaa fi dandeettii horatan fayyadamuun biyya isaanii fi hawaasa isaanii tajaajiluuf qophaa’uu akka qaban Itti aanaan bulchaa naannoo Somaalee Ibraahim Usmaan dhaamani.

Barattoota har’a Yunivarsiitii Jigjigaa irraa fayyaa fi damee barnoota birootiin eebbifaman 907 keessaa 237 dubartoota ta’uun ibsameera.


 

Sirna eebbaa kanarratti haasawa kan taasisan itti aanaan bulchaa naannoo Somaalee Ibraahim Usmaan; Mootummaan damee barnootaaf xiyyeeffannoo kennuun humna namaa ogummaa qabu damee hundaan barbaachisu oomishaa jira jedhani.

Kunis hiyyummaa fi duubatti hafummaa irra aanuuf daandii murteessaa hordofaa jiraachuu agarsiisa jedhan.

Barattoonni eebbifaman gama beekumsaa fi qorannoon imala badhaadhina biyyattii keessatti gumaachuu akka qabanis dubbataniiru.

Beekumsa turtii yuunivarsiitii isaanii keessatti horatan gara hojiitti jijjiiruun hojiiwwan biyyaafi ummata fayyadan xiyyeeffannoon hojjechuu akka qabanis dubbataniiru.


 

Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Jigjigaa Dr. Saayid Mohaammad gama isaaniin, Yuunivarsitichi humna namaa gahumsaa fi barate oomishuuf sochii taasisaniin lammiilee kuma 50tti siqan barsiisuu fi eebbisuu danda’eera jedhani.

Eebbifamtoonni har'aa beekumsa turtii isaanii keessatti argatan akka riqicha gatii dabalataatti fayyadamuun badhaadhina biyyattiif hojjechuun akka irraa eegamus cimsanii dubbataniiru.

Akkasumas eebbifamtoonni milkaa’inni har’a argatan beekumsa fooyya’aa boruuf qophaa’uu fi itti gaafatamummaa hawaasummaa guddaa ta’uu hubachuu akka qaban cimsanii dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015