Tamsaasa Kallatti:

Eebbifamtoonni hawaasa isaanii amanamummaadhaan tajaajiluu fi kalaqa itti dabaluun dantaa biyyaaf gumaachuu qabu

Bitootessa 19/2018 (ENA): Itiyoophiyaan guddina dinagdee damee hedduu fi dantaa biyyaalessaa ishee mirkaneessuuf tattaaffii taasiftu keessatti gaheen eebbifamtoota dhaabbilee barnoota olaanoo guddaa ta’uu Ministeerri Barnootaa ibseera.

Yuunivarsiitiin Diillaa guyyaa har'aa barattoota digrii tokkoffaa, lammaffaa fi sadaffaa sagantaalee adda addaatiin barsiisaa ture 1,287 eebbiseera.


 

Gorsaa Ministira Barnootaa fi deetaan ministira barnootaa Piroofeesar Kindayaa Gabrahiwoot sirna eebbaa kanarratti argamuun ergaa dabrsaniin; Barnoonni bu’aa dhuunfaa qofa osoo hin taane qabeenya biyyaas ta’uu hubatamuu qaba jedhani.

Eebbifamtoonni hawaasa isaanii amanamummaadhaan tajaajiluuf carraaqqii bal’aa gochuu fi kalaqa itti dabaluun dantaa biyyaalessaaf gumaachuu qabu jedhani.


 

Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Diillaa Dr. Eeliyaas Alamuu akka jedhanitti, yuunivarsitichi eebbifamtoota gahumsa qaban oomishuu qofa osoo hin taane qorannoo saayinsii qabatamaa irratti hundaa’e gaggeessaa jiraachuu himani.

Kunis keessumaa qonnaan bultootaaf bu’aa akka qabu ibsaniiru.

Yuunivarsiitichi hanga ammaatti eebbifamtoota kuma 76 ol biyyaaf gumaachuusaa hubachiisuudhaa,n rakkoo hawaasaa hiikuuf yunivarsiitichi furmaata qabatamaa ta’e kennaa jiraachuu eeraniiru.

Yuunivarsiitichi hospitaala rifaralaa yuunivarsiitichatti ijaaramaa jiru xumuruun tajaajilaaf akka qophaa’u gochuuf ciminaan hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.


 

Eebbifamtoota keessaa damee ogummaa isaaniitiin amanamummaadhaan hawaasa tajaajiluuf qophii ta’uu isaanii kan ibsan Dr. Bafiqaaduu Laggasaati. Damee barnootaa falaasama barnootaatiin digrii sadaffaan eebbifamuu isaaniis dubbataniiru.

Keessumaa dantaa sabaaf jecha eebbifamtoonni gahee isaanii bahachuuf qophii ta’uus beeksisaniiru.


 

Eebbifamtuu kutaa Afaanii fi Ogbarruu kan taate Gannat Taarikuu yeroo yuunivarsiiticha keessa turtetti ogummaa waliin beekumsa qabatamaa horachuu akka dandeessee fi cimtee hojjechuun biyya ishee tajaajiluuf carraaqqii akka gootu dubbatteetti.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015