Milkaa’inni misooma anniisaa haaromfamuu Itiyoophiyaa bu’aa qabatamaa kutannoo imaammataa fi hoggansaati - ENA Afaan Oromoo
Milkaa’inni misooma anniisaa haaromfamuu Itiyoophiyaa bu’aa qabatamaa kutannoo imaammataa fi hoggansaati
Bitootessa 19/2018 (ENA): Milkaa’inni misooma anniisaa haaromfamuu Itiyoophiyaa bu’aa qabatamaa kutannoo imaammataa fi hoggansaa ta’uu Deetaan Ministira Geejjibaa fi Loojistikii Dooktar Bari’oo Hasan ibsani.
Dhaabbanni Tajaajila Elektirikaa Itiyoophiyaa buufata chaarjii konkolaataa elektirikaa (EV-Charge) magaalaa Finfinneetti ijaarame eebbise.
Sirna eebbaa kanarratti kan argaman Deetaan Ministeera Geejjibaa fi Loojistikii Dooktar Bari’oo Hasan, Itiyoophiyaan anniisaa haaromfamuun jijjiirama qilleensaa dandamachuuf dandeettii guddaa qabdi jedhan.
Kunis Itiyoophiyaan hirkattummaa baasii boba’aa fi sharafa alaa irratti qabdu dhabamsiisuudhaan dhiyeessii anniisaa mirkaneessuuf gumaacha guddaa qaba jedhan.
Damee geejjibaa filannoo anniisaa haaromfamuu danda’uun bakka buusuuf tattaaffii kana keessatti yeroo ammaa konkolaattonni elektirikii kuma 140 tajaajila irra akka jiran himaniiru.
Fedhii dhiyeessii humna elektirikii konkolaattota elektirikii guutuuf Finfinnee fi magaalota naannolee keessatti buufataaleen chaarjii konkolaattotaa hedduun ijaaramaa jiraachuus hubachiisaniiru.
Akka biyyaatti buufataalee chaarjii konkolaattota elektirikii ijaaramuunis hirkattummaa boba’aa hir’isuun birmadummaa anniisaa akka guddisu ibsaniiru.
Milkaa’inni Itiyoophiyaan misooma anniisaa haaromfamuu irratti argatte bu’aa qabatamaa imaammataa fi kutannoo hooggansaa ta’uu ibsaniiru.
Hojii gaggeessaan olaanaan Tajaajila Elektirikaa Itiyoophiyaa Injinar Geetuu Garramaa gama isaaniitiin ijaarsi buufata chaarjii konkolaattota elektirikii imaammata diinagdee magariisaa Itiyoophiyaa waliin kan walsimu ta’uu ibsaniiru.
Buufatni chaarjii konkolaattota elektirikii ijaaramuu fi tajaajila laachuun amanamummaa dhiyeessii humna elektiriikaa mirkaneessuuf kan danda’u ta’uu ibsaniiru.
Hojiin buufata chaarjii konkolaataa bal’inaan akka biyyaatti ijaaruu itti fufuus beeksisaniiru.