Leenjiin koodarsii kalaqa hojiiwwan dijitaalaa guddisuuf gumaachaa buusaa jira - ENA Afaan Oromoo
Leenjiin koodarsii kalaqa hojiiwwan dijitaalaa guddisuuf gumaachaa buusaa jira
Bitootessa 19/2018 (ENA): Leenjiin Itiyoo-Koodarsii carraa hojii uumuu dijitaalaa fi kalaqa babal’isuun dorgomtummaa idil addunyaa guddisaa jira jedhan Deetaan Ministira Hojjetaa fi Ogummaa obbo Salamoon Sookaa.
Leenjiin koodaroota Itoophiyaa miiliyoona shan kaka’umsa ministira muummee Doktar Abiyyi Ahimadiin eegalame kun, keessumattuu dargaggootaaf dorgomtummaa idil addunyaa isaanii babal’isuuf kan kaayyeffatedha.
Haaluma kanaan lammiileen Itiyoophiyaa godinaalee adda addaa leenjii fudhatanii of bira darbanii hojiirra oolmaa tarsiimoo misooma dijitaalaa biyya isaaniif taasifamu irratti ashaaraa isaanii kaa’aa jiru.
Deetaan Ministira Hojjetaa fi Ogummaa obbo Salamoon Sookaa ENAtti akka himanitti; Leenjichi dandeettii dijitaalaa lammiilee guddisuu fi dandeettii jireenya isaanii guddisu horachuuf kan gargaaru ta’uu ibsaniiru.
Dargaggoonni damee teeknooloojii irratti bobba’an dandeettii isaanii akka guddifatanii gara hojii kalaqaatti akka ce’an gargaareera jedhan.
Kunis dorgomtummaa biyyattii fi gara diinagdee beekumsa irratti hundaa'etti ce'uuf gumaacheera jedhan.
Barnoota, qonna, industirii, turizimii fi dameewwan birootiin dijitaalaayizeeshiniif haala mijataa uumeera jedhaniiru.
Inistiitiyuutii Leenjii Teeknikaa fi Ogummaa Federaalaatti Daayreektarri Ayisiitii(ICT) Naa'ol Anbassee akka jedhanitti, inistiitiyuutichi barattootaa fi hojjettoonni leenjii kana akka fudhatan deeggarsa taasisaa jira.
Leenjiin Itiyoo koodarsii(Ethio-Coders) dandeettii dabalataa horachuuf waan gargaaruuf lammiileen carraa argame sirnaan fayyadamuu akka qaban ibsaniiru.
Ogeessi kun hojii lammiilee ogummaa kamiinuu bobba’an fooyyessuu keessatti gahee leenjiin kuni qabu ibsaniiru.
Barattuu Baayyush Tasfaayee fi fayyadamaan barnoota tolaa (scholarship) Sudaan Kibbaa Laadulii Moorii akka jedhanitti leenjiin kun bara dijitaalaa waliin deemuuf dandeettii horachuu keessatti faayidaa qabaachuu himani.