Tamsaasa Kallatti:

Ayyaanni wagga 50ffaa Korporeeshinii maneen federaalaa kabajamaa jira

Bitootessa 19/2018 (ENA)- Ayyaanni hundeeffama wagga 50ffaa Korporeeshinii maneen federaalaa sagantaalee garagaraan kabajamaa jira.

Guyyaan hundeeffamaa kun mata duree “boqonnaa haaraatiin egeree caaluuf” jedhuun kabajamaa jira.

Hoggantuun waajjira ministira muummee fi ministirri dhimmoota kaabinee fi walitti qabduun boordii hooggansa hojii korporeeshinii maneen federaalaa Alamtsahaayi Phaawuloos, ministirri magaalaa fi bu’ura misoomaa Caaltuu Saanii, hojii raawwachiisaan olaanaa korporeeshinii maneen federaalaa doktar Rashaad Kamaal akkasumas hoggantoonni mootummaa olaanoo biroon fi keessummoonni waamaman saganticharratti argamaniiru.

Korporeeshinichi gamoowwan bakkeewwan garagaraatti ijaarsise eebbisiiseera.

Korporeeshinichi Piyaassaatti gamoo daldalaa (Gooldi Mool) ammayyaa tajaajila daldala wareef akka oolu godhamee ijaaramee fi Finfinnee Somaalee tara jedhamee bakka beekamutti kan ijaarsise mana jireenyaa fi daldalaaf kan oolu gamoo abbaa darbii 27       eebbisiiseera.

Kana malees korporeeshinichi jijjiirama akka biyyaatti taasifame ka’umsa godhachuun milkaa’ina dhaabbaticha riifoorm gochuun argame kan agarsiisu egzibiishinii baneera.

Kaampaaniiwwan teeknooloojii ijaarsaa Awurooppaa korporeeshinicha waliin hojjechuuf walii galtee taasisan egzibiishinicharratti hirmaachaa jiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015