Itti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa hojiilee misoomaa naannoo Affaaritti hojjetaman ni daawwatu - ENA Afaan Oromoo
Itti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa hojiilee misoomaa naannoo Affaaritti hojjetaman ni daawwatu
Bitootessa 19/2018 (ENA)- Itti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa fi hoggantoonni olaanoo mootummaa federaalaa hojiilee misoomaa naannoo Affaaritti hojjetaman ni daawwatu.
Bulchaa naannoo Affaar Awwal Arbaa dabalatee hooggantoonni olaanoo naannichaa, abbootiin amantaa, jaarsoliin biyyaa fi jiraattonni magaalaa itti aanaa ministira muummee fi hooggantoonni kunneen hojiilee misoomaa daawwachuuf barii har’aa Samaraa buufata xiyyaaraa Sulxaan Aliimiiraah Hanfaree wayita gahan bakkatti argamuun simataniiru.