Tamsaasa Kallatti:

Magaalaa Shaggar bakka gahumsa Turiizimii mijattuu gochuuf hojiiwwan dandeessisan hojjetamaa jiru

Bitootessa18/2018(ENA)- Bulchiinsi Magaalaa Shaggar Magaalattii iddoo Hawwata Tuurizimii mijaawaa taasisuuf carraaqqiiwwan adda addaa taasisaa jiraachuu Komishiniin Turizimii Magaalachaa beeksiseera.


 

Komishinaarri Komishinii Turizimii Magaalaa Shaggar Obbo Biiniyaam Tsaggaayee ENA’f akka himanitti; Magaalattii keessatti iddoowwan hawwata Turizimii jiran adda baasuu, misoomsuu fi beeksisuurratti qooda fudhattoota waliin qindoominaan hojjetamaa jira jedhaniiru.


 

Iddoowwan Turizimii adda baasuu fi misoomsuu ilaalchisee bara baajataa 2017 keessatti Iddoowwan uumamaa fi Aadaa 85 qorannoon adda baafamanii gara misoomaatti galamuusaa ibsaniiru.

Turtii turaastotaa dheeressuuf bu’uraalee misoomaa guutuu fi qabeenya Aadaa fi uumamaa naannichaa eeguun hojjetamaa jira.

Magaalattii iddoo konfiraansii Turizimii gochuuf Komishinii Turizimii Naannoo fi Federaalaa waliin hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Lafa hektaara 600 dhiyeessuun dureeyyiin biyya keessaa fi Alaatti Riizortiiwwan fi dhaabbilee tajaajila kennan irratti akka hirmaatan taasifamaa jira jedhaniiru.


 

Hanga ammaatti Hoteelonni Sadarkaasaanii eeggatan21 ijaaramaa kan jiran yoo ta'u, ji'oota jaa’an dhufan keessatti xumuramuun tajaajila akka eegalan dubbataniiru.

Akkasumas, Jiraattonni naannichaa Nyaata Aadaa, Uffata, Ogummaa harkaa fi damee keessummeessaa irratti leenjii akka argataniif qooda fudhattoota waliin hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Sochiin Turizimii kun dargaggoota naannichaa hedduuf carraan hojii kan uume yoo ta'u, gara fuulduraatti dameen kun yommuu guddatu fayyadamummaansaanii caalaatti akka bal'atu komishinarichi mirkaneessaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015